Friday, December 19, 2008

Sochiin jijjiiramaa eessa gahe?

Hundasa Lammessa

Waa'een maqaa jijjiirama " change" kun jecha durumaa jiruu fi ture ta'ullee erga Barrack Obaamaa duula filannoof dhimma itti bahee asi ammoo daran dhagahamaa fi itti dhimma bahamaa dhufe. Barrack Obaamaanis karooraa fi akeeka qabatee ka'een waan jijjiiruu fi fuula dura waan ittiin hojjechhuf deemu ifatti labsuun waltajjii argate maratti dhimma bahuun ummata biyyasaa fi kan alaas dabalatee kitilaan hawwachuu fi mararfannoo argachuurra darbee kunoo injifannoo seenaa keessatti isa jalqabaa ta'e gonfachuun ummata addunyaa mara ajaa'ibsiise.

Jijjiiramni J. Kamaal Galchuun durfamu hoo eessa gahe?

Gaaffii guddaan deebii barbaadu deemsa jijjiirama kanaati. Jijjiiramni dura deemsa J. Kamaal Galchuu fi booda deemsa obbo Leenchoo Baatii fi obbo Hasan Huseeniin utubamee ifatti dhuma ji'a Adoolessaa bara 2008 ykn ji'a shan dura labsamee ture, gurra namaa hedduu harkiseera. Walgahii biyya Amerikaa magaalaa MPLS keessatti godhame irratti yeroo duraaf labsaniin WBO fi hooggana ABO dabalatee dhuunfachuu isaanii fi miseensi irra guddaan akka isaan waliin jiru dhaadannoo guddaan ibsan. Qabsoon ummata Oromoo boqonnaa haarawaa keessa galuu fi dhaabni ABO Shanee Gumii ABOn durfamu aangoon irraa fuudhamee isaan harka galuu fi dura deemaan dhaabichaa J.Kamaal ta'uu hubachiisan. Isa booda hirmaatonni walgahichaa ililleen simachuu fi deeggarsi maallaqaas doolaara kumaatamaan herreegamu gumaachuu isaanii dhageenye. Kana booda dhaadannoon isaaniis " Gadaan Gadaa Jijjiiramaa " ta'uu hubachiisan.

Ergasii barreeffama yeroo adda addaa baasanii fi sarara paltalk keessatti osoo hin hafiin ofi qusannaa tokko malee hoogganni isaan " aangoo irraa fuudhan" qabsicha akka booddesse, ukkaamsee akka qabe, dandeettii hojii akka hin qabnee fi waggootii dheeraaf eeganii obsa fixatanii tarkaafii kana akka fudhatan ibsaa turan. Baroota qabsoon keessa darbite milkii fi gufuulee turan mara akka waan ofii keessa hin turree fi gandi tokko qofti akka ittiin deemaa ture saalfii tokko malee dubbatan. J.Kamaal raadiyoo isaanii SABO irratti ifatti akka dubbatee turetti yeroo isaan gara qabsoo ABOtti dhufanii makaman sochiin hojii tokkollee akka hin turree fi akka isaan karaa qabsiisan, hoogganni dirree qabsootti argamuu didee fagooraa ajajuun sirrii akka hin turree fi ammaan booda hoogganni jijjiiramaa dirree qabsootti argamee qabsoo hoogganuuf akka murteeffate nuuf labsan. Toole! jenne.

Dhiheenya kana maqaa " Ibsa ejjennoo miseensota buleeyyii ABO " jedhuun barruu fuula 26 qabu baasan. Maqaa ibsa ejjennoon barruu bahe kana wayta dubbifnu ibsa ejjennoo osoo hin taane barreeffama seenaa fakkaata. Ajaa'ibni barruu kanaa ammoo, seenaa qabsoon keenya keessa darbite asi geesse keessatti jaallan qabsoo irratti kufanii fi kanneen dhibee adda addaan lubbuun dabarte, ykn rakkina mataa isaaniin kanneen qabsoo keessaa bahan, ykn ganan cufa kan itti YAKKAME ganda ykn kutaa tokko ta'e. Gandi kaan miidhamaa, kaan ammoo kan miidhee fi qabsoorraa nama dhiibe ta'uu addeessu. Jarri kun miseensota buleeyyii kan bara dheeraaf qabsoo keessa turan yeroo ta'u, hanga gandi yakkamaa kuni nama fixuu fi qabsoorraa dhiibu waan dubbatan ykn falmiin godhan hin tuqamne. Ibsa ejjennoo isaanii kana keessatti maqaan diinaa tokkollee hin tuqamne. Qabsaa'onni ganda yakkamaa kanatti dhalatanii fi qabsoo keessatti wareegaman ykn dhiibaman tokko qofaatu tuqame, akka ibsa kanaatti. Namoonni barruu kana qalbiin hin dubbifne mee irra deebi'aatii dubbisaa xiinxalaa ! Barreeffama akkasii dhuguma dhala oromootu katabe moo diinatu maqaa oromootiin kana barreesse nama jechisiisa dhugumatti. Waan kanarratti jechuun danda'amu hedduu ta'uyyuu isa kanumaanin gabaabsa.

Dhiheenya kana walakeessa ji'a Sadaasaa bara 2008 yeroo lammaffaa magaalaa MPLS keessatti walgahii godhaniin raawwii ji'a sadii keessatti waan raawwatan obbo Hasan Huseen akka ibsanitti, erga sochiin jijjiiramaa eegalee miseensa dachaan ijaaruu isaanii, gargaarsaa fi buusiin miseensummaa guddaan argamuu fi waraana " WBO" leenjisaa jiraachuu isaanii itti boonuun ibsan. Waraanni leenjifamaa jiru kun achii bahee yoo lola eegalu, akka durii rukatanii baqachuu osoo hin taane lafa qabataa adeemuun yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa akka gonfannu nu abdachiisan, akkan sarara paltalk irraanii caqasetti. Kanumaan walqabatee ijaarsa miseensummaa ilaalchisee akka ibsanitti jilli isaanii gara biyya Kibba Afrikaatti bobba'uun ummata kanaan dura dhaqqabamee hin beekne ijaarauun gargaarsa maallaqaa miliyoona cina argachuu isaanii kan ibsan yoo ta'u, kanuma ilaalchisee oduu SABOn gidduu sana dabarseen Oromoon biyya Afrikaa Kibbaa keessa jiraatu akkuma oduu jijjiiramaa dhagaheen dabballee tokkollee osoo hin eeggatiin walijaaree ofi qopheesse. Jilli Dr. Nuuroo Daddafoo fi wallisaa Mehammed Sheekaan durfamu achitti argamuun gargaarsa $60.000 ( kuma jaatama) argachuu isaanii fi miseensa konyaalee saddeeti keessatti battalumatti ijaaruu danda'uu isaanii addeessa.

Waan hedduu keessaa hangan tuttuqe ilaalchisee qaamni irratti ibsa nuuff kennu yoo jiraateef bifa gaaffiin akka armaan gadiittin yaada kiyyan dhiheessa.

Gaaffii fi deebii J.Kaamal raadiyoo SABO irratti ji'a sadii dura gdheen, yeroo biyyaa dhufanii ABOtti makaman Shaneen Gumii karoora hojii tokkollee akka hin qabne, hirmaata hojii akka hin qabnee fi erga isaan dhufanii waan hedduu akka qajeelchanii fi sirreessan ibsa. Yaada kana Shanee Gumii fi miseensa Gumii Sabaa keessa warri turan kan akka obbo Hasan Huseenfaa dhuguma jedhanii itti amanuu laata ? Yoo dhuguma jedhan yeroo sanatti miseensaaf ibsuu fi sirreessuu maaliif hin dandeenye?

Maqaa ibsa ejjennoo miseensa ABO buleeyyii jedhuun qaamni ibsa baase amma miseensota warra jijjiiramaa akka ta'an hin shakkamu. Qaamni kun maqaa isaa ibsuu ykn kallattiin maqaa qaama jijjiiramaa kanaan maaliif ibsa hin baafne?

Miseensonni buleeyyiin kunniin eegala qabsoo irraa hanga ammaatti waan deemaa turee fi yakka qaamni ganda tokkoo raawwataa ture yeroo nuuf tarreessan miseensota ABO hanga tokko bakka dhaloota isaanii wajjin nuuf tuttuqanii jiru. Garuu ganda biraa keessaa kanneen qabsoo fi harka diinaan wareegaman kan akka Guutuu Caalii, Nagaasaa Kumsaa, Gammachiis Dhaabaa, Daraaraa Kafanii fi kanneen isaan fakkaatan hedduu maqaa hin dhoofne. Jaallan kana hin beektan moo ganda yakkamaa ta'uu isaaniif irra kuttan?

Miseensonni buleeyyii kunniin bara dheeraa yeroo qabsoo keessa turan, hanga yakki hangana gahu qabsaa'ota kanarratti dalagamu maaliif callisanii obsan ? Har'a maaltu geenyaan seenaan kun gadi gahe ? ijaarsaa fi moo diiggaaf?

Erga sochiin jijjiiramaa mooraa qabsoo keessatti dhalatee asitti miseensi dachaan dabaluu ykn ijaaramuu fi gargaarsis akkasuma argamuu obbo Hasan Huseen walgahii dhiheenya kana MPLS godhamerratti miseensaa fi deeggartoota isaaniif ibsanii turan. Bara isaan itti gaafatamaa damee dantaa alaa ABO turan sana sochiin ijaarsaa fi buusii akkasii maaliif hin turre ? Kan hojjechiisu isaanuma mitii?

Biyya Afrikaa Kibbaa keessatti osoo dabballee fi qaama olaanaa hin eeggatiin oduu jijjiiramaa dhagahuun ofi qindeessanii buusii dolaara kuma jaatama argachuu isaanii SABOn ibsee jira. Biyya sana baqataa Oromoo meeqatu jira laata, kan yeroo tokkotti maallaqa hanga kanaa gumaachu ? Akkasumas jilli achitti argame miseensa Konyaalee saddeetti keessatti ijaaruu isaanii ibsu. Miseensi yeroo takkatti akkas ijaaramu kun seeraa fi heera dhaaba isaanii yeroo kam baratanii xumuratan ? moo hin barbaachisu. Ijaarsi akkasiin dachaan dabale sun bifuma kanaan ijaarame ta'aa?

Waraanni amma leenjifamaa jira jedhan haarawa moo isaanuma duriitu haaromsa fudhata ? Yoo haarawaa ta'e kanneen qaama jijjiiramaa harka jira jedhamee zooniilee adda addaa irraa gaaffii fi deebii kennaa turan har'a sagalee isaanii dhagahaa hin jrru. Maalitti jiru laata ?
Hoogganni Shanee Gumii kan balaaleffatame keessaa tokko dirree qabsoo WBO biratti argamuu hanqachuu isaa ture. Qaama jijjiiramaa keessaa hoo har'a hooggana meeqatu dirree seene ? moo hanga ammaa qophii hin xumuranne?

Akka dhiheenya kana obbo Leencoo Baatii OCR-MPLS ( 03.12.08) irratti ibsa kennanitti humni irra hedduun isaanii ala ta'uu tuqanii jiru. Dubbiin kun waan kanaan dura jechaa turaniin wal hin faallessuu laata ? Dhumarratti mammaaksa oromoo tokkoonin yaada koo xumura. Innis namicha tokkotu " Kuruphee gurraa fi miila ishee walittan waraane jedhee hiriyaa isaatti himata. Hiriyaan isaas dubbichi hin fakkaannee fakkeeffadhu jennaan, yeroo isheen gurra ishee hooqqattun argadhe " jedheen jedhama.

Nagaa wajjin.

Abbaa Gaaddisaa

Visitors

 

View blog authority