Sadaasa 23, 2013
Gara:
J. Dhugaasaa Bakakkoo, Hayyuu Dure QC-ABO
J.
Daud Ibsaa, Hayyuu Duree Shanee ABOJ. Dhugaasaa Bakakkoo, Hayyuu Dure QC-ABO
J. Abarraa Tafarraa, Dura Taa’aa THBO
J. Ibsaa Naga’oo, Barreessaa Gurmuu Qabsaa’ota fi Miseensota ABO
Irraa: Miseensota Kutaa ABO – Ameerikaa
Kaabaa
Jaallan hoogganoota dhaabota siyaasa Oromoo,
Baroota
dheeraa dabraniif dhaabota siyaasaa Oromoo hooggantan tokkomsuun tokkummaa
qabsaa’ota dhinsitanii QBO finiinsuuf yeroo addaddaatti saba Oromoo abdachiisttan.
Yeroo addaddaattis “tumsa” “wal-hubannoo” fi kkf waliif mallatteessitanii
“Internet” irratti facaafttan. Magaalota hawaasinni Oromoo jiru hedduu keessa
bobbaatanii dhimma kana irratti ibsa kennitan. Lama-lamaan (bi-laterally) “haasaa nagaatti
jirra” osoo jettanii baroota hedduu dabarsitan. Ha ta’u malee, milkiin haga
ammaatti mul’ate hin jiru.
Milkaa’u
illee yoo hanqattan, tokkumaa qaabsaa’ota QBO dhinsuuf yaalii gootan fi gochaa
jirtan hundaaf galatni keessan guddaa dha. Ammallee abdii hin kutatinaa, itti
fufaa, jenna.
Dhiiroo
“milkaa’uu dadhabuun kun maaliif laataa? Fedhiitu hin jiru mo? Sirnnaani hin
hojjettaminii? Yaaliilee hamma ammaatii godhamanii mil’kaa’uu dhaban irraa maal
barannaa?” Gaaffiileen jedhanitti deebii barbaaduun yaalii ammaan booda godhamu
milkeesuuf qooda guddaa qabaata jennee amanna. Qabsoo tokkummaa qabsaa’ota
Oromoo dhinsuuf godhamu gufuu addaddaa irraa eeganii milkoomsuu fi firii itti
gochuun gumaacha hunda keenyaa gaafata yaada jedhutti waan amannuuf irratti
yaada kennachuuf dirqamnne.
Garuu,
gaaffilee kanaaf “deebiin kan keenya qofaa dha” hin jennu. Deebiin gaaffiilee
kanaaf kennamuu danda’aniis “isaan nuti tarreessine qofa” ilaalcha jedhu hin
qabnnu. Obboleeyyan addaddaa iddoo addaddaa dhaabbatanii rakkoo kana ilaalan irraa
ka’uun deebii kan keenyaa gadi ykn caalaa sirrii ta’e kennu danda’u.
Xiyyeeffannaan keenya waan dabreef wal komachuu miti; Kan dabre xiinxallee,
waan irraa barannee wal dura qabannee, fuula duratti qabsoo ummata keenyaa
tarkaanfachiisuu dha.
Kanaaf
jecha, qabxiilee yoo ilaalcha gahaa kennitaniif
sochii tokkumaa qabsaa’otaa dhinsuuf godhamu fuula duratti tarkaanfachiisuun
milkoomsuu danda’u jennu tokko-tokko akeeknna. Ha ta’u malee, beekumsi nuti
waa’ee dhaabota kanaa qabnnu wal qixa waan hin taaneef, qabxilleen kaafnu hundi,
wal-qixa dhaabota hundaa ilaala jechuu
hin dandeenyu. Kan isin ilaalu keessaa
filatanii dhimma itti ba’uun, kan isin hin ilaalle dhiisuun, kan keessani.
Nu
hofkalchaa!
Sababoota qabsaa’ota Oromoo
faca’iinsaaf saaxilan keessa inni guddaan kaayyo QBO irratti ilaalcha ititaa
dhabuu dha. Gara tokkoon kanneen kaayyon QBO uummata bilisa fi biyya walaba
ofiin bulu mirakaneessuuf ta’uu qaba kan
jedhantu jiru. Mooraan kun, wal-giddutti tokkummaa uummatee, dandeetti,
beekumsa fi qabeenya isaa walitti kuusee sosso’uun qabsicha akka feesisutti geggeessuu
hin dandeenye. Keessattu, baroota kurnan dabran keessa, yaada fi toofttaan
isaanii faffaca’aa waan dhufeef, yeroo diinni qabsichaa jabaachaa deemuu,
mooraan kun garuu laafaa dhufe. Jeequmsi ABO keessatti bara 2001 dhalatee,
dhaabcha gargar baqaqsuun gahe, laafina kanaaf qooda guddaa akka gumaachee
shakkiin hin jiru. Hundeen baqaqa kanaas hoogganoota dhaabichaa gidduutti
kaayyoo qabsichaa irratti yaadin ititaan dhibuu dha. Kun hamilee saba Oromoo fi
kan qabsaa’otaa cabsuun kaayyo kana “bakkaan gahuun kan danda’amu hin fakkaatu”
shakkii jedhu uume. Caalaatti, shakkii kana kan hammeesse ammo, obboleeyyan
yeroo dheeraaf moora kana keessa turan, abdii kutannoo argisiisuun “haalli
addunyaa jijjiiramee jira; gaaffiin akkasii yeroo ammatti addunyaa keessatti
fudhatama fi deggersa hin qabu” jechuun yaada moraa kanaa faffacaasuu isaanii
ti.
Sababa kana irraan kan ka’e,
moraa kana keessatti, jeequmsaa fi dadhabinatu mul’ata. Osoo ofii isaanii
gidduutti yaada ititaa hin qabaatiin, jarmaa isaanii qaranii diinatti bobba’uu
waan dadhabaniif, sabichaafis hamilee kennuu dadhaban. Gabaabaatti, haalli kun,
miseensota dhaabota siyaasaa keesatti mamii fi afanfaajjii fide. Deggertoota
kaayyo qabsichaa keessatti hamilee caba fidee, jaarmota siyaasaa gidduutti
illee tokkummaa hamma turellee laaffise.
Gara biraan, kaayyoon qabsichaa,
Impayericha dimookratessuun achi keessaan mirga Oromoo argamsisuu ta’uu qaba
kan jedhantu jiru. Mooraan kun, jaarmota Oromoo walaba ta’an, kanneen heera
Impaayerichaa fudhatanii biyya keessa sosso’aa jiran fi kanneen biyya alaa
taa’anii ifatti ha ta’uu, dhoksaan ilaalcha kana babal’isan hammata. Isaaniis,
tokkummaan sosso’anii, wayyoomina argisiisuu waan dadhabaniif, sabni Oromoo
abdii akka irraa hin qabnne beekkamaa dha. Keesattuu, “project”iin saaanii kun
yeroo hedduu yaalamee kan dadhabame ta’uun beekkamaa dha.
Gabaabatti, ilaalcha siyaasaa
kana lameen irratti yaadni qabsaa’ota Oromoo bakka lamatti hiramuun tokkummaa
qabsaa’otaa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu fi tokkummaaf gufuu ta’uun isaa beekkamaa
dha.
Yoo gad-fageessinee ilaalle,
dhimmi jaarmaa, kan diiplomaasii fi kan qabsoo hidhanno ykn nagaa kan irratti
hundaa’u kaayyoo bakkaan gahuun fedhamu irratti. Kana irraa kan baramuu qabu,
kaayyoo bakkaan gahuu fedhan irratti walii-galteen yoo hin jirraanne, tokkummaa
qabaachuun hin dada’amu.
Yaadni akkas wal-irraa fagoon
lama wal-falmaa jiraachuun, qabsoo keenyaa keessatti afanfaajjii uumuu, nu
laafiisuu fi tokkummaa qabsaa’otaaf gufuu ta’uun isaa ifaa dha. Kanaaf,
tokkummaan isin fiddan kan dhugaan kaayyoo irratti hunda’ee ta’uu qaba!
2.
Tokkummaan qaabsaa’ota Oromoo ummata
keenyaaf dhimma tarsimooti malee kan toofttaa miti!
Qabsoon tokkummaa qabsaa’ota
Oromoo dhinsuu fi itichuuf godhamu ija toofttaatiin ilaalamuu hin qabu. Har’a,
qabxiin ummata keenya dhimma kana caalaa yaaddessuu kan jiru nutti hin
fakkaatu. Tokkummaan qabsaa’otaa ittiin diina injifatanii biyya keenya fi saba
keenya bilisoomsuu qofaaf kan barbaadamu miti. Erga bilisa baanee boodallee,
biyya keenya misoomsuu fi sirnna haqaa fi dimookrassii keessatti diriirsuun
tokkumma qabsaa’otaa gaafata. Qabsaa’onni tokkummaa hin qabnne, yoo biyya
qabaataniis, osoo wal jeeqanii ummataas jeeqanii, saba saanii “lola lammii”
(civil war) saaxiluu danda’u. Qabxii kana hubachuu fi gad-fageessanii itti
amanuun fardii dha.
Sochiin isin tokkummaa qabsaa’ota
Oromoof gootan hubannaa fi amantii kana irratti hundaa’uu qaba. Tokkummaa
qabaachuun waan Oromoo hedduu gammachiisu
ta’uu waan beektaniif jecha, ummata biratti jalala horachuuf ykn bu’aa biraa
irraa buufachuuf ykn “olola of irraa
dhaabuuf” ykn “haasaa nagaatti jirra” jechuu qofaaf akka toofttaatti dhimma itti hin ba’ina. Bakka gahuu dhabuu
yalii hedduu ammaan dura gootaniif sababin tokko tokkummaa qabsaa’ota Oromoo
akka toofttaatti malee akka tarsimootti ilaaluu dhabuu keessan. Kanaaf, fuula
duratti irraa of qusadhaa!
3.
Dhaabni isin hoogantan kan
miseensota isaa ti, malee kan dhuunfaa keessanii miti! Kana yeroo hunda
yaadahdaa!
Dhaabni
hoogganttan kan miseensota dhaabichaa ti. Hoogganni aangoo irra yeroo dheeraa
turuu irraan kan ka’e dhaabin kan dhuunfaa saanii kan ta’e itti fakkaachuu
danda’a. Dogoggora akkasii irraa of eeggachuu barbaachisa. Kan hooggana filee
aangoo itti keenne miseensota dhaabichaa ta’uun irraafatamuu hin qabu! Deggersa
fi qooda fudhannaa miseensotaa malee sochiin keessan milkaa’uu hin danda’u. Kanaaf,
mirga miseensonni keessan imaammata, sochii fi murtiilee dhaaba saanii
keessatti qooda fudhachuuf qaban kabajaa!
Seena
dabre irraa barachuu feesisa. Murtiilee gur-guddoon ammaan dura osoo miseensota
qooda hin fudhachiisin godhaman jeequmsa fi badii guddaa fidan. Jecha kanaaf
fakkeenyi irraa barachuu qabnu inni duraa bara 1991 keessa mootummaa cehumsa
Itoophiyya keessaa qooda fudhachuu ABOn murteesse keessaa, miseensi dhaabicha
qooda hin qabu ture. Murtii fardiin akkasii qooda fudhannaa fi maree
miseensotaan alatti godhamee raabsameef. Bara 1992 keessa murtiin WBO mooraatti
galchuu, beekumsa miseensotan alatti ta’e. Itti bahiin isaa lubbuu ilmaan
Oromoo qisaasuu fi WBO hamma badinsaan gahuu ture. Fakkeenyi biraan, murtii
bara 2000 keessa “Ajandaa Nagaa” labsuuf godhame, kan miseensonni dhaabichaa
irratti hin mar’achiifaminii fi qooda keessaa hin fudhatini. Itti bahiinsi
isaas ABO bakka lamatti baqaqsuun QBO gara boodaatti deebise jechuun ni
dandaa’ama.
Qooda
fudhannaa, deggersa fi fedhii miseensotaa keessanii malee, tokkumaa qabsaa’otaa
qofaa keessan fiduu hin dandeessan. “Waliigaltte”, “tumsa”, “Walhubannoo” fi
kkf mallatteessuu dura, miseensota keessaniin mar’adha. Yaada saanii
gaafadhaa. Dhimma kana akka gaariitti
hubachuu fi deggeruu saanii hubadhaa. Addunyaatti facaasuu dura miseensota
keessaniin gahaa.
Gabaabatti,
mirga miseensota keessanii kabajaa! Qabsaa’onni isin tokkoomsuuf hojjenna
jettan miseensotuma kana ta’uu yeroo hunda yaadadhaa! Dhaabichi kan dhuunfaa keessan
osoo hin taane, kan miseensota ta’uu hubadhaa!
4.
Tokkoomuun qabsaa’otaa kan aadaan
hojii saa hin jijjiiramnne QBOf faydaa hin qabu!
Hammam illee yoo tookkomttan, yoo
hojii qabsoo hojjettanii QBO achi hin
buttan ta;e ummata Oromoof bu’aa hin buufttan.
Ummata Oromoo kan aria’atama fi hacuuccaa diinaa jalaa baasuu dandeessan hojii
qabsoo hojjechuu qofaan. Hojii hojjechuun ammo aadaa hojii horachuu barbaada. Dhaabonni
keenya hundi, hoogganoota fi miseensota dabalatee, aadaa hojii hin qaban. Kun
jijjiiramuu qaba!
Akka barbaachisutti Oromoo
ijaaranii bobbaasaa hin jiran. Waraana ijaaranii guddisaa fi lolchiisaa hin
jiran. Alagaa Oromoof firoomsaa hin jiran.
Hedduun saanii karoora hojiillee
hin qaban. Karoora humnna namaa oogummaa fi dandeetti qabu horachuu, karoora
beeksisii (propaganda), karoora hojii diiplomaasii, karoora Oromoo biyya keessa
fi alatti ijaaruu, karoora of-irratti hirkannoo, karoora tikaa fi qaruutee (security
& intelligence) jaaruu, karoora waraana ijaaruu fi lakkobsa fi aynaasaa
wayyeessuu fi kkf hin qaban. Karoora hojii malee hojiin hin jiru. Kan hin
karoorffatin hojjetamee fi hin hojjetamnneesaa madaaluun hin danda’amu. Kanaaf,
dhaabonni keenya waggaa dha waggaatti hojiisaanii hammam akka tarkaanfachisan
madaaluu hin danda’an. Kaan saanii gaaffii kanallee of hin gaafatan. Kun
dhaabota keenyaaf aadaa ta’ee jira.
Hojii Oromoo ijaaree bobbaasu,
kan waraana ijaaree lolchiisu, kan alagaa Oromoof firoomsu hoojjettu yoo ta’e
malee tokkummaan keessan qofaan ummata Oromoo waan gargaaru hin qabu. Aadaa
hojii horadhaa!
5.
Wal-tuffachuu dhiisaa!
Wal caalmaan dhaabota bilisummaa
ummata tokkoo kan maadalamu, kaayyoo
ummatichaa bakkaan gahuuf hojii isaan hojjetan irratti. Hojii kana keessaa
kanneen gurguddoon, kan diiplomasii, kan waraanaa fi kan siyaasaa ti. Isin
keessaa kan qabso diiplomaasii Oromoo boonsu “hojjechaan jira” jechuu danda’u eenyuu? Kan waraana diina haleelaa jiru qabu isin
keessaa eenyuu? Kan biyya keessatti ummata ijaaree qabsootti bobbaasaa jiru hoo
eenyu? Isin keessaa kan hojii kana “kanneen hafan caalaan hojjechaa jira;
Oromoo boonsaan jira!” jedhee dubbachuu danda’u jiraa? Mee dhaabbadhaa of
ilaalaa! Ebelu waraana hin qabu, ebelu nama sadituu dha fi kkf jechuun keessan of
gammachissuuf yoo ta’e malee dhugaa qabatamaa keessa jirttan hin calaqqisu. Kannen wal-cabsan
fi wal-tuffatan tokkummaa ummachuu hin danda’an. Yoo ummataniis, waaruu hin
danda’u. Kanaaf, wal-tuffachuu dhiisaa! Walitti dhufttanii wal jabeessuu fi QBO
achi butuuf carraaqaa malee wal cabsuu fi wal-tuffachuu irratti yeroo keessan
hin balleessinaa.
6.
Hoogganni seera dhaabni isaa
tumateen hin bulle, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu hin danda’u!
Hoogganni sirnna dhaaba saatiin
hin bulle, amantaa (credibility) hin qabaatu. Keesattuu, hoogganni sirnnummaa
(legitimacy) hin qabnne, bakka dhaabichaa bu’ee haasa’uuf illee mirga hin qabu.
Hedduun keessan dhaaba bakka buuna jettan keessatti, gadaan keessan erga dhume
bubbulee jira. Ha ta’u malee, qaanii tokko malee aangootti rarraatanii
jirttu. Hoogganni har’a heera dhaaba
isaa cabsee humnnaan aangotti rarra’u, osoo bilisummaa baanee aangoo qabaate, sirnna
dimookraasii fi kan haqaa diriirsa jedhamee akkamitti abdatamaa? Erga gadaan
keessan dhumee booda akka heera dhaaba keessanitti filannoo haaraa osoo hin
geggeessin ykn miseensota keessanitti deebitanii gadaa keessan dheeressuuf hayyama osoo irraa hin argatin, akkasumatti
baroota dheera aangoorra teessan, hooggana isin booda dhufuuf fakkeenya akkamii
taatuu? Heera fi seera ofii keessanii hin kabajin, miseensota keessan akkamiin
kabajchiisuu dandeessuu?
Tokkummaa qabsaa’ota Oromoo
dhinsuu kan danda’an hoogganoota amantaa (credibility) ummata biraa qaban, hoogganoota
sirnnaa (legitimate leaders) fi hoogganoota seera fi heera dhaaba saaniin
bulanii bulchan qofa. Kanaaf, heera fi seera dhaabota keessanii kabajaa; yoo
gadaan keessan dhumee jiraate, dura hoogganummaa keessan sirneessa!
Oromiyaan Ni Bilisoomitti!
Abraahim Abbayyee
D/T Kutaa ABO
Ameerikaa Kaabaa (KABO-AK)www.oromoliberationfront.info
KABO-AK@oromoliberationfront.info
Isin maal jattuu? Have your say!