Beeka Biyyaa Irraa
Diddaan gabrummaa hanga gabroomfataan jilbeenfatutti, hanga
kan gabroomemmoo walaboomutt hin
dhaabatu, hin du’us.
Mootummaan Wayyaanee qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf
dhagaa isheen hin gargalchine tokko hin jiru. Oromoon kutaan, gandaa fi
amantiin akka wal qoodee walii isaa irratti duulu taasisteetti; hooggantoota
garaa isaaniif bulan bitteetti, kanaanis kan ka’e mooraa qabsoo bilisummaa
Oromoo yeroodhaaf laafistetti. Bakka akeekni ishee fudhatama dhabetti waraanaa
itti bobbaaftee hamilee ummataa laashessuu yaaltetti.
Garuu yaaliin ta’e hundi qabsicha yeroof laafise malee
ajjeesee owwaaluu hin dandeenye. Kanaafis ragaan, diddaa gabrummaa fi falmannaa
abbaa biyyuummaa sabni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo yeroo addaa addaa fi bakka
addaa addaatti bifa qindaawaa hin ta’iniin gaggessaa turani fi jiran dha.
Sochiin diddaa gabrummaa dargaggootaa fi barattoota Oromoo
Oromiyaa maratti gaggeeffamaa jiru, wareegamani ijoollee Oromoon ta’aa jiru fi
ibiddi qabsoo bilisummaa yoom iyyuu akka dhaamuu hin dandeenye - yaaliin mootummaa Habashaa
olee bulee firii akka hin qabne - mirkanneessaa jira. Kanaafuu, ummatni Oromoo,
beekaan Oromoo, qabsaawoonni bilisummaa Oromoo, akkasuma Oromoonni garaa
isaaniif bitamanillee dhugaa dirree jiru kana irraa maal baranna?
Fincilli dhuga qabeessi lubbuu ilmaan keenya hedduu
galaafate, galaafachuufis jiru kun maal nutt himaa jira?
1) TOKKUMMAA; Fincilli
Oromiyaa mara keessatti ta’e , OROMOON TOKKO kan jedhuu nu hubachiisa. Oromoon
sararaa daangaa diinni sarareen adda akka hin baane nutti hima. “Qotee bulaa
naannoo Finfinneetu lafa isaa irra buqqa’e nu hin laallatu” hin jenne. Oromootu
lafa isaa irraa buqqa’aa jira jechuun tokkummaan walii dirmate. “Ijoollee Ambootu ajjeefame dhimma keenya miti”
hin jenne. Obboolota keenyatu ajjefaman jechuun hiree isaan irra gahe
hirmaatan. “Dhimmi isaa Shawaa laallata” jedhee kutaan Oromia biroon harka
maratee hin teenye. Akeekni diinaa Finfinnee fi Shawaa qofa utuu hin taane, kan
inni itti xiyyeeffate eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf ta’uu hubachuun akka
ilmaan abbaa tokkootti, akka Oromootti walii dirmatan.
2) OROMUMMAA;
Oromummaan mallattoo eenyummaa Oromoo ta’uu beekuun, diinni Oromoo bakka
Oromummaa Itophiyummaa buusuuf abbalaa jiraachuu hubachuun “WAAWUU, NUTI OROMOO;
FINFINNEENIS HANDHUURA OROMIYAA ti” jechuun utuu kutaan, gandaa fi amantiin wal
hin qoodin harka duwwaa diina meeshaa waraanaa ammayaa hanga funyaanitti
hidhate dura dhaabbatan. “Nuti Oromoo, biyyi keenyas Oromiyaa” jechuun
maalummaa isaanii fi biyya isaaniif kufan malee, kun Islaama, sun kristaana,
kaanimmoo waaqeeffata jechuun falamii eenyummaa fi abbaa biyyummaaf hin
kakaane. Hundi eenyummaa keenya booda dhufuu qaba jedhanii ajjeefaman,
madaa’an, hidhaman, jireenya dhaban.
Ijoolleen Oromoo yakka tokko malee mirga eenyummaa fi abbaa
biyyummaaf waliin ka’anii, wliinis ajjeefamn. Nutihoo, ammas akkuma kaleessaa
kutaa koo, ganda koo, amantee koo jenna moo, “NUTI OROMOO, BIYYI KEENYA OROMIYYA!”
jennee faajjii ijoolleen Oromoo ajjeefamaniif qabannee wal cina dhaabannee
biyya keenya falmanna?; mirga namummaa sarbamne kabajifanna?
Deebiin isaa kan hunda keenyaa ta’uu qaba.
Have your say!