Sunday, May 18, 2014

Fincila Dargaggoota Oromoo Irraa Maal Baranna?


Beeka Biyyaa Irraa
Diddaan gabrummaa hanga gabroomfataan jilbeenfatutti, hanga kan gabroomemmoo walaboomutt  hin dhaabatu, hin du’us.

Mootummaan Wayyaanee qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf dhagaa isheen hin gargalchine tokko hin jiru. Oromoon kutaan, gandaa fi amantiin akka wal qoodee walii isaa irratti duulu taasisteetti; hooggantoota garaa isaaniif bulan bitteetti, kanaanis kan ka’e mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo yeroodhaaf laafistetti. Bakka akeekni ishee fudhatama dhabetti waraanaa itti bobbaaftee hamilee ummataa laashessuu yaaltetti.

Garuu yaaliin ta’e hundi qabsicha yeroof laafise malee ajjeesee owwaaluu hin dandeenye. Kanaafis ragaan, diddaa gabrummaa fi falmannaa abbaa biyyuummaa sabni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo yeroo addaa addaa fi bakka addaa addaatti bifa qindaawaa hin ta’iniin gaggessaa turani fi jiran dha.

Sochiin diddaa gabrummaa dargaggootaa fi barattoota Oromoo Oromiyaa maratti gaggeeffamaa jiru, wareegamani ijoollee Oromoon ta’aa jiru fi ibiddi qabsoo bilisummaa yoom iyyuu akka dhaamuu  hin dandeenye - yaaliin mootummaa Habashaa olee bulee firii akka hin qabne - mirkanneessaa jira. Kanaafuu, ummatni Oromoo, beekaan Oromoo, qabsaawoonni bilisummaa Oromoo, akkasuma Oromoonni garaa isaaniif bitamanillee dhugaa dirree jiru kana irraa maal baranna?

Fincilli dhuga qabeessi lubbuu ilmaan keenya hedduu galaafate, galaafachuufis jiru kun maal nutt himaa jira?

1)      TOKKUMMAA; Fincilli Oromiyaa mara keessatti ta’e , OROMOON TOKKO kan jedhuu nu hubachiisa. Oromoon sararaa daangaa diinni sarareen adda akka hin baane nutti hima. “Qotee bulaa naannoo Finfinneetu lafa isaa irra buqqa’e nu hin laallatu” hin jenne. Oromootu lafa isaa irraa buqqa’aa jira jechuun tokkummaan walii dirmate.  “Ijoollee Ambootu ajjeefame dhimma keenya miti” hin jenne. Obboolota keenyatu ajjefaman jechuun hiree isaan irra gahe hirmaatan. “Dhimmi isaa Shawaa laallata” jedhee kutaan Oromia biroon harka maratee hin teenye. Akeekni diinaa Finfinnee fi Shawaa qofa utuu hin taane, kan inni itti xiyyeeffate eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf ta’uu hubachuun akka ilmaan abbaa tokkootti, akka Oromootti walii dirmatan.

2)      OROMUMMAA; Oromummaan mallattoo eenyummaa Oromoo ta’uu beekuun, diinni Oromoo bakka Oromummaa Itophiyummaa buusuuf abbalaa jiraachuu hubachuun “WAAWUU, NUTI OROMOO; FINFINNEENIS HANDHUURA OROMIYAA ti” jechuun utuu kutaan, gandaa fi amantiin wal hin qoodin harka duwwaa diina meeshaa waraanaa ammayaa hanga funyaanitti hidhate dura dhaabbatan. “Nuti Oromoo, biyyi keenyas Oromiyaa” jechuun maalummaa isaanii fi biyya isaaniif kufan malee, kun Islaama, sun kristaana, kaanimmoo waaqeeffata jechuun falamii eenyummaa fi abbaa biyyummaaf hin kakaane. Hundi eenyummaa keenya booda dhufuu qaba jedhanii ajjeefaman, madaa’an, hidhaman, jireenya dhaban.

Ijoolleen Oromoo yakka tokko malee mirga eenyummaa fi abbaa biyyummaaf waliin ka’anii, wliinis ajjeefamn. Nutihoo, ammas akkuma kaleessaa kutaa koo, ganda koo, amantee koo jenna moo, “NUTI OROMOO, BIYYI KEENYA OROMIYYA!” jennee faajjii ijoolleen Oromoo ajjeefamaniif qabannee wal cina dhaabannee biyya keenya falmanna?; mirga namummaa sarbamne kabajifanna?

Deebiin isaa kan hunda keenyaa ta’uu qaba.
Have your say!

8 comments:

Anonymous said...

Beekaa Biyyaa galatommi xiinxala gaari dha. It is tienly too. Garuu jechii fincila didda garbumma jedhuu kun barreefama kana qofa irratti utu itaniin bakka birattis babbalate dhimma itti bahama jira. Qabsoo keenyaa qabsoo walabumma/bilisumma biyya utu hintaiin qabsoo mirgatti gadii xiqqesuu yaaluuf jecha baballatee laata jedheen yaada. Situ kanaf dhimma itti ba'e jechuu koo akka intaane naa hubadhu. Garbumma diduu qofa utu intaiin abba biyymmaf lolla jechufan jedhe. Galatoomi ammalle.

Anonymous said...

Rabbi Wayyaane haa buqqisu.
Rabbii ishii haa xiqqeessu
Xururee asirraa haa dabarsuu
Mirga dhala namaa sarbitee
Xiqqaa gudda hin jenne
walirra shigiddee
Kiristaana Muslima hin jenne
Walirratti akooftee
Mirga oromoo durumaa awaaltee
Kan hayyu jedhamu dukkanatti hiite
Kan gara ofitif buluu harkatti galfattee
Maal gaafatta yaa aboo wayyaneen qaata ajoofte.
Aboo Rabbii isii haa salphisuu
Muqqisee haa dabarsuu
Nageenya nu haa buusu
Hayyoota keenya nu haa yaasu
Aamin jedhii mee yaa dhiiro!

Anonymous said...

Rabbi Wayyaane haa buqqisu.
Rabbii ishii haa xiqqeessu
Xururee asirraa haa dabarsuu
Mirga dhala namaa sarbitee
Xiqqaa gudda hin jenne
walirra shigiddee
Kiristaana Muslima hin jenne
Walirratti akooftee
Mirga oromoo durumaa awaaltee
Kan hayyu jedhamu dukkanatti hiite
Kan gara ofitif buluu harkatti galfattee
Maal gaafatta yaa aboo wayyaneen qaata ajoofte.
Aboo Rabbii isii haa salphisuu
Muqqisee haa dabarsuu
Nageenya nu haa buusu
Hayyoota keenya nu haa yaasu
Aamin jedhii mee yaa dhiiro!

nice stuff said...

nice post i have read .

check my blog update said...

this is the post what i have looking for . thanks for share this .

maintain a generator said...

awesome post .

Anonymous said...

Bekama Biyya galatoomi. Garuu blog kanaarratti barreffama gadidhiisaa hin jirtanii maalif? Qabsoo oromootu dhumate moo followers dhabdan?

best said...

Bekama Biyya galatoomi. Garuu blog kanaarratti barreffama gadidhiisaa hin jirtanii maalif? Qabsoo oromootu dhumate moo followers dhabdan?

Visitors

 

View blog authority