Saturday, February 20, 2010

Seenaa Gabaabaa Gootota Jalduu - Kutaa 2ffaa


Loola magalaa Jalduu Dargii irraa bilisa basuuf godhame
Tolchaa Wagii Irraa

Baatii Amajjii Bara 1978 Magalaa Jalduu rukutanii to'annoo jaala olichuun gaffii keessa hingallee.

Magalaa Jalduu keessa Daballonni Dargii yeroo sana dirree irraatti nama ajjesuuf mirga gutuu qaban heeduu ta'uu isaniin gamaatti, warani fi milishonni dhibootan lakkawaman magaalitti keessa qubachuun ummatoota magalaa fi badiyyaa keessa jiraatu ciinqaa turani.

Magalaa Jalduu irraatti loola banuuf,beellaminni guyyaa gaafa "Xiimqataa" Amajjii 19, 1978 bellamame ykn murta’e. Hidhannoo akka garitti qopheefachuun gamatti,namoota lola kana irraatti hirmatan qindeessuun irratti qophin godhame ture.Akka kanaan, karaa Obbo Mulataa Fayyisootiin Obbo Asaffaa Maracootti ergaan ergame. Asaffaa Maracoo nama Aanaa Gindabarati ti. Aanaan Jalduu fi Aanaan Gindabarat walin olla dha.

Asaffaa Maracoo, lola magalaa Gindabarati irratti ta’uf malu yoo ta'ee malee, lola Jalduti ta’uf ademu irratti dhufee qooda fudhacu akka hinbarbanne addesse. Itti dabales,”yoommu isiin Jaldu rukuttan, ani ammo gama kiyyan Kachisiin rukuuta” jedhe. Magaalan gudditti Aanaa Gindabarati Kaachisii jedhamun beekamti. Magaalan jalduu immo ”Gojjoo” ille jedhuni.

Karaa gama obbo Wagii Sattotiin akeekni waraanaa kun Daj.Kabbadaa Buzunesh itti ergaan ergame. Kabbadaa Buzunesh "yeroon hingeenye” jechuun akka hindufne fii waraana kana irratti hin-hirmaanne bekisise.

Lola isa caalqabaa irraatti kan hirmatan namonni beekkamon kan akka Obbo Raggasaa Fayyisaa fi akka Obbo Mogoora Tujjoo hinargamne beekisisaan.

Obbo Mogoraa fi obbo Raggasaan lola godhamuuf adeemu kana keessatti qooda irraa fudhachuu baatan-illee guyyaan murtawee, Amajiin 19,1978 guyyaa keessa 2:00 PM akkuma kabajameetti ture.

Gaafa 01/18/78 halkan, Jalduu irraa kilo- meetra 15 irraatti fageenyaan kan argamtu fi lafa "Qooftuu" jedhamtu, mana obbo Mulataa Fayyisooti ol’itti, Tulluu argamtu tokko gubbatti akka hidhannoo gutuun argaman wal-hubachiisan.

Nannoo Qooftuu, Qarree mana Mulataa Fayyisoo gubaaatti ba'uun sochii magalaa Jalduu Telescophaan to'achuu gaarii tuure. Gotoonni lola kana irraatti hirmachuuf wadaa galaan heedduu ta'ani iyyuu, guyyaa jedhameetti namonnii hidhannoo gutuu waliin dhufaan bayyee xiqadha.

sochii waranaa fi Daballoota Dargii kan basaasuu Basastonni keenya, heedduun magalaatti ramadamani ture. Magalaa Jalduu irratti dhukasaa banuuf hidhannoo isanii gutuu waliin kan argaman baay’inaan namoota 16 qofa.


Isaan keessa ani fi obboloeessi kiyyaa, Dirribsaa Wagii abba keenyatu nufudhatee dhaqee malee, bayy’ee da'ima turre. Maqaallewwaan lolaa kana irratti argamuuf Qarree jedhamee irratti dhufan:

1. Mulataa Fayyisoo
2. Wagii Sattoo
3. Baqqalaa Urgee
4. Atomsaa Urgee
5. Tolasaa Haata'u
6. Kabbadaa Taffarra
7. Alamuu Mul’ataa
8. Laggasaa Tolasaa
9. Guddisaa Tufaa
10. Mokkonoon Barii
11. Dirribsaa wagii
12. Shifarraa Zawudee
13. Tafarii Makuriyaa
14. Zawudee Makuraa
15. Guddisaa Itichaa
16. Tolchaa wagii ture

Jarrewaan kun hundi isanii,anaa fi obbolleessa kiyya irraa kan haaf, bifilee(sharp-shooters)dha turani. Dirreen Jalduu haatii seenaa waraana isa calqabaa keessumeesuuf of qopheesitee sa'aa murasatu haafe. Guyyaan kun "Ximqata waan ta'eef taaboonni bahe galuu jalqabeera. Dabbalotaa fi warana humna Polsitti gamatti, milishoonni 300 ol ummata keessaa filamanii, hidhatanii, magalaa eegaa turan.

Lola sa'a 2:00 PM banamuuf sa'aa 1:00 PM irraa Qarree (Tulluu) irra jirruu irraa, namonni 16 hoomaa waranaa Jalduu kessa qubatee jiru bittinneessuuf gara magalaatti hamillee fi kutannoo gutudhaan Jalduutti qajeelan. Ulaan magalaa sanaa karra 8 tiin namonnii lama-lama ta'ani magalaa marsanii akka seenaan qajelifamini keennamee ture.

Dhukasinni innii duraa Buufata Polsii irraatti akka banamuu yoo ta'u,dhukasaa kana Baqqaqlaa Urgee eebbisee akka banuu taasifamee. Baqqalaa Urgee, Alamuu Mulataa waliin karaa dubaa seenuun, bufata Polisii irraatti dhukaasa duraa banan. Ulaa undaan (saddettaninuu) namonni senaan, polisii fi waraanaa irraatti rasaasa akka bokkaa gadi roobsan.

Waranni fi polisonni magaalaa kessa jiran dhukasa hamaa (cimaa) godhan-illee,gotoota Jalduu funduura dhabachuu hindandeenye. Dabballonnii fi warri ibida kana qabsisan lubbuu isanitiin baqatanii yoo ba'an, namni qomoo Oromoo ta'e bulchaa polisii, "Ajajaa shantamaa" ture fii Olii jedhamuu bufataa polisii gadii lakkisuu diide loluu calqabe. Inni loluma kana irraatti harka keennuu irraa du'u filate.

Lola magalaa Jalduu Dargii irraa blisomsuuf godhame kana irraatti Obbo Mokkonnon Barii rasaasa Polisii maqaan isaa Lammii jedhamuu irraa dhukateen rukutamee kufe. Lola ho'aa sa'aa lamaan booda, magalaa Jalduu to'annoo jala olchuun ,Jaarsol biyyaa fi namoota bebeekkamoo sababii Qawweetiin hidhmani kan reebamaa turan, kan akka: Obbo Raggasaa Yaadatee, Raggasaa Bultoo,Gonfaa yaadatee, Mulata Banti, Doyyoo Nurasaa Tujjoo fijarsaa wagga 80 ol turan, obbo Gosoomaa Turaa dabalatee, namonni 70 ol mana hidha keessaa gadii lakkifaman.

Akkuma Jalduu to'anno jala oliteen Asaffaa Maracoo akkuma duraan jeedhee sana magalaa Gindabarati, Kachisii irraatti tarkanfii fudhachuun Dargii irraa blisoomse toanno jala oolche.

Lollii kun lola ulfataa ta'uu iyyuu gara keenyaan kan du'ee nama tokko qofa ture. Kara Dargiitiin loltonnii heeduun dua'ani iyyuu, namonnii barbadmaan: bulichaa waradaa yeroo sanaa fi Dabaloonni Dargii gara isaan ga'an arguu hundandeenye. Milishonnii Ummataa keessa filamanii, hidhatanii achii turan, carraan qabaan harka keennuu waan ta'eef, lakkofsaan 300 kan caalan boja'amani.Hundii isanii iyyuu Qawwee hidhatan lafa naqanii gara maatii isanitti deb'ani.

Magalaa Jalduu to'annoo jaala olichuuf lola hamaa godhamaa jiru kana irraatti itti gafatamaan dabbaloota wa'ee lafaa Dargiin shomamee achii ture,harka keennuu irra, kaatee mana silkii ykn Bilbilaa yoo seenuu achumaatti haafe.

Lola sa'a 2 booda Magalaan Jalduu fashistoota Dargii irraa blisaa baate. Dhukasnii dhabbate. Polisiin Mokonnon ajjesee, Lammii kan jedhamu ture. Mulataa Fayyiso fi Wagii Satto magalaa nanawanii yommu toatanii debi'an, Lammiiti dhufan. “Lammiin jeechaan si'ii?” jedhee, isa rukutudha yoo Mulatan gadi fudhatuu, Wagii Satto irraa dhowee, Lammii qabee mana isaa gessee, hadha manaa isatiin akka mana kanaa gadii hinbafne jedhee itti himee adeeme. Lammin mana isaa adabatee ta’utu irra jiraa ture.

Lammiin Mokonnon ajjeesuu hundii keenya iyyuu waan beknuuf Mulataan karaa birotiin naannawee, humna warana Dargii harcatee yommu to'atu, Lammiin “akka manaa hinbanee” kan Wagii Satto jedheen dhisee, karaa gubbaa dhaabataa ture.

Lammiin battalummaatti Mulataa Fayyisotiin ajjefame.

To’anno Magalatiin booda,tarkanfiin inni duraa hidhamtoota mana hidhaa keessa jiran hiikuu waan ta'eef, mana kutaa tokkitti keessaatti,namonnii 70 ol,jarsoliin kabajamonni, hidhamanii waan jiraniif, hidha Dargii irraa bilisa ba'han.

Manni hidhaa, galmee keessa jiruu waliin akka ibiddii itti naqamuu godhame. Qawween Dargiin Qotee-bulaa Oromoo hikkachisee gara 2000 ol mana tokkoo gutee waan jiruuf, innii akka abbaa Qawwetii debu' taasifame. Meeshaa waranaa Dargiin achitti walitti qabee hundii to’annoo jala oole. Qawwee kaneen, namonnii mana hidhatii ba'an maritti akka hidhatan godhame.

Amajjii 19,bara 1979 guyyan injifannoo kun galgalaaf yeroo bakka gadii dhiisu,Ummatoota Anaa Jalduu maraaf, akkasumas Meetaa Robiif, Dandiif borumtii isaa gaafa Amajii 20, akka wal- ga'ii (yaaii) guddan godhamuu wamichi maqaa Obbo Mulataa Fayyisoo fi, Obbo Wagii Sattotiin godhame labsame.

Galgala sana, Magalaa jalduu irraa Kilo Metraa 8 faggachuun, Injifannoo argameetti gamaduun, geerarsa dhirumma fi gootummaan itti gadii fudhaan. Maritti iyyuu osoo hinrafiin geeraraa bulan.

"Haa qootu Boorrii,
Haa lolu goonnii,
Goota hin-dhowwiin (hindhoorkini) naduraa;" jeechii jedhu irraa deb'ameeti sirbamaa ture.

Kutaa 3ffaan itti fufa

2 comments:

Deriba Fufa said...

jalduu gotaa turte
haara garuu akkam fayaa bulte

Anonymous said...

haara wayanee maa of irrat ilaalaree

Visitors

 

View blog authority