Saturday, February 20, 2010

Seenaa Gabaabaa Gootota Jalduu - Kutaa 1ffaa


Tolchaa Wagii Irraa

Mataa duree seenaa kanaa jalatti namonni wa'ee seenaa kana beekan akkan ballinaan barreesuu yeroo adda addaa [na gaafatanii jiru.] Kana irraatti hunda'udhan, qaamaan keessaatti hirmaadhee wanaan beekuuf, osoo irraa hin-irrisiin ykn itti hindabaliin gababisee kutaa kutadhaan dhiyeseera.

Seensa

Bara 1978 walitajjii Oromiyaa Anaa Jalduufi Gindabaraatti keessaatti, lollii ulifataan kana wali irraa hincinne,Mootummaa abba irree Dargi fi Qotee bulaa Jalduu gidduutti dho'e. Bara Calqaba 1978-1980 dhumaatti gotonni Jalduu nannoowwan ummatonni kumoota heedduun irraa qubatan jiratan, Dargii irraa bilisomsee, bulichaa turun isaa seenaan ragadha. Qabsifamuu loola jalduu Jalduu Walitajjii dhi'a Oromiyaa Koonyaa Jibaatti fi Maaccaa/Ambo,magalaa Finfinnee irraa kilo-meetra 125 irraatti argamiti. Akkuma Oromoota nannoowaan biroo ummataa nagaa jaalatu ta'u illee gootonni heedduun kan keessaa biqilan waan tateef Sirna Motummoota cunqursituu kami iyyuu Mataa gadii cabsatanii hinbullee.

Sirna Mootummaa H/silasee Kabinoota isaanii waliin gara awwalaatti gagessee, bakka isaa kan bu'ee, Mootummaan Dargii yeroo Angoo qabaatu, qotee bulaa Jalduu fi walitajjii Oromiyaa gara dha'atti Deeggarsa cimaa horatee akka hin turre hubatamadha.

Hata'u malee bulichiinsii Dargii, ammumaa bubbulaa addeemu biifa isaa jijjiratee ,ummatoota of harkaatti galfateen,seera of harkkatti galfanna kana dirirsuun gama dabbaloota isaatiin annolewwan birootti, huminaan reebun maqaa farra waraqisaa (anti revolution) jeedhu, itti maxansuun tohannoo isaa jaala ergaa olicheen booda ,gara anaa Jalduu irraatti dirirsuu calqabe. Duran iyyuu Dargiin sodaa fi shakkii waan irraa qabuuf , otee bulaan Oromoo maritti meesha isaa waranaa/Qawwee/ akka hiikatu kan jeedhu, labsii adda irraatti baase. Kana kan diide Sanjaan/Mancaan/Abiyooti akka Morma irraa kutee gatu ,daballonni Dargii /MISON durfamaan ,Danbii Disasaa ,Asfaaw Shifarraa,Tasammaa Amargaa (Bulichaa Anaa Jalduu) Kibraatti fi kan biroo waliin waranaa fi Milishaa of jala naqanii, Jarsolli fi namoota bebeekammoo nannoo sanatti kabajaa qabaan, sababaa Qawwee hikachisuutiin hiidhanii reebuu,salphisuun itti fufani. Halkan mannetwaan nama Qawwee qaba jedhanii shakkan,Milishoota itti marsisisanii buluun ,reebicha qaama nama sukanneessu ergaa irraatti rawataniin booda gara mana hidhatti geessu.

Haala kanaan Qawwee gara 2000 ol Qotee bulaa Oromoo Jalduu yoo hikachisuun namoota murtawaan osoo hin hikatiin "Dinnee didaa ,Qawwee keennuun hadha mana keesaan keennaa jeechudha, Qawwee keenya keninee hinsalphannu! ,yoo duune du'a Leencaa duuna"jechudhaan Dargii hidhannodhaan jeelbeefachisuuf onnee gutun murtefatanii.

Loola Gotoota Jalduu Isa Caalqabaa

Baatii Sadasaa bara 1977 Oromonni lakkofsaan xiqqaa ta'an Mootummaa abbaa irree tti qawwee keenya kenninee nutti hin-rorrisu! jeechuun loluuf murteefatani magalaa Jalduu irraa Kilo-meetra 10 irraatt kana argamuu mana obbo Mulataa Fayyisootti wadaa fi kakuu waliif seenuuf halkan wal beellaman. Dabalonni Dargii Yeroo sanaa akka waqaatti ilalaman ,Iccitiidhan akka isaan mana obboo Mulataa Fayyisootti wal'itti dhufaan dhagayaniiru.

Mana Obbo Mulataa fayyisootti kanneen waadaa seenuuf dhufan bayyinaan namoota 7 qoofa. Gootonni kun torban isanii iyyuu, anaa Jalduu keessaa gandoota adda addaa keessa dhufani.

Isaniis: Mulataa Fayyisoo, Wagii Sattoo, Mogoraa Tujjoo, Raggasaa Fayyisaa, Baqqalaa Urgee, Atomsaa Urgee, Guddisaa Gamaa turan.

Gotoonni Kun 7, Korma Qalanii, dhiiga buruqisanii, walitti hinmallu,! hangaa gaafa dunutti wali irraa hindheesnuu,! jedhaanii, osoo wadaa hincabinee wal seensisaa jiranii,halkan keessa sa'a 2:00 AM akka marfamaan wardiyyaan ala dhabatee jiiru, itti gabaasee. Hundi isaanii iyyuu,duran iyyuu qophawanii hidhannoo gutuun waan dhiyataniif , nama tokko malee Meeshaan isaan qabatan meesha adda m-1(M-one) kan obbo Raggasaa fayyisaa moo meeshaa adda kan ta'e m-2(M-2) ta'eedha.

Dallaan Dabbalonni Dargii fi milishonni Marsanii jiran qe'ee obbo Mulataa Fayyisoo bayyee ballaa Geeshoo fi Warqeen heedduu waan ta'eef, mana gadii ya'anii warqee keessa karaa adda adatiin bakka qabatanii riphan. Dabalonni Dargii fi Bulichaan anaa yeroo sanaa kan turani waranaa fi Milishoota isaan jala giirsu abidatanii sagalee ol kasanii "osoo tarkanfiin Abiyootii isiin irraatti hinfudhatamin akka harka keessan nagadhan kenatan" kana jeedhuu sagalee dallaa alaa itti darbuu egale.

Gootonnii oromoo marfamanii jiran kun hundii isanii iyyuu akka bitneessanii keessaa ba'an waan beekaniif amma lafitti bar'uutti dhukaasa akka hinbannee irraatti wali galan.

Dabalonnii Dargii dallaa duuba dhabatanii "micraphone" qabataniin wamichaa godhaa jiraniif, debi'dhaabinaan , dhukaasa sudachisuuf mana gubbaatt rasaasa atomatikaa gadii robsan. Ganama Sa'aa 5:00 AM yoo ta'uu meshaa ammayyaa yeroo sanaa M-1 fi M-2 gadii itti robsaan.waranaa Dargii dhibbotan lakkawwaman fi milishoota akka hoolaa sardiida keessa sentee gochuun, bittinesuun milishoota 10 Qawwee nii waliin boja'aman.

Ajajaa Milishaa ta'uun duraan namnni mana Raggasaa Fayyisaa gubisisee tokko,rukutamee achitti hafee. Raggasaa Fayyisaa tiin maloo Abba Yadashii nakeessa basii, jedheen. Raggasaa Fayyisaa duran iyyuu qe'ee isaa kan gubisiisee isaa wan ta'ee "Jabeen si hawaranuu ammas na barbadaa as dhuftee"gubadhu !ganaa gubataa jedhee ti biira kuute.

Dabalonnii Dargii fi bulichaan wardaa sanaa ,waan of harkaa qaban "Maicraphonii itti lalabaa olaan dabalatee ,gatanii dhadhaa ibidda buute ta'ani. Gotoonni kun warana Dargii achitti du'an akka awwlamaan godhanii,milishoota boja'maan hidhannoo isanii irraa hikanii gadii dhisani. Lollii Qotee bulaa Jalduu, inni calqabaa injifannoo fi haala akkanatiin xumurame.

Dargiin warana biroo dulichisudhaan ,bakka lolli kun,itti-qabsifame fi,namoota loola kan irraatti argaman qe'ee fi qabeenyi,isanii akka barbada'u goosiise. waranni Dargii namoota nannoo sanatti argaan mara hidhani, reebaa manaa fi qabeenya mana keessa jiiru waliin ibiddaatti naqan.

Itti fufa - Kutaa 2ffaa laalaa

8 comments:

Anonymous said...

Seenaa dhugaa fi onnachisaa nu dhageessiftte. Galatin siif haa ta'u yaa ilma Abbaa Gadaa. Kutaa 2ffaa abdiin eegganna.

Anonymous said...

gotummaan Oromoota Jalduu baayyee nama bonsiisa.
barresaan kun galata guddaa qaba.

Bodanaa

Anonymous said...

gotummaan Oromoota Jalduu baayyee nama bonsiisa.
barresaan kun galata guddaa qaba.

Bodanaa

Unknown said...

GOOTATU WAA,EE GOOTAA YAADATEE DUBATAA YAA GOOTA OROMOO JABAADHU!

Anonymous said...

Seenaa bay.ee namaa gamachisudhaa ammale ta.u qabba

Unknown said...

bagaa du'aa irraa hafetee seenaa baredaa akasii kana ifa baaste kaa silaa dhokatee hafe.

Unknown said...

ammas itti fufi

yanmaneee said...

yeezy
yeezy boost 350
supreme outlet
air jordan
curry shoes
off-white
yeezy 350
yeezy boost
jordan retro
supreme hoodie

Visitors

 

View blog authority