Monday, March 01, 2010

Seenaa Gabaabaa Gootota Jalduu - Kutaa 6ffaa


Barreeffama seenaa mataa duree armaan olii kana keessatti, lolli Qotee bulaa gootota Jalduun geggefamu: biyya keenya irraatti morma keenya gad-cabsinee, sirna gita-bittotatiin salphanee jirachuu manna (irraa), du'a filachudhan, namonni murtawaan onnee fi murannoo qabanin Motummaa Dargii ammam rasaa akka turan kutallewaan darbe keessatti hanga tokko ibsuu yaaleera.

Dargiin (ibidda) lola Qotee bulaa Jalduu irratti bane humnaan dhaamsuu (dhaabuu) akka hindandeenyee amanudhan toftaa abbootiin isaa jeecha "Lafee Arbaa, waliin rukutanii cabsuu" jedhutti gargaramudhan, of-eeggannoo cimaan gadii fageenyan irraatti hojachudhan namoota heddu erga harka kennachsaniin booda, kanneen osoo harka hinkennatiin hafan irraatti namoonni harka kennatani gara qe'ee isanitti galan kun akka de'bi’anii duulan ijaranii gurmeesaniru.

Waraanni Dargii isaani fi hummata gurmesse of-funduura qabee duluuf qinda’aa fii qophaaha turera.

Adooleessa 27, 1978

Baatii Adolessaa keessa Dargii fi waranni isaa namota armaan dura waliin Dargii lolaa turani fi Dargitti nagaan harka kennatan hunda dabalatanii, gara Ofu fi Diggootti gadi duulaniiru.
Duulli Dargii kun gama sadiin tuure. Karaa Dirree, Karaa Ofuu, fi Karaa Diggoo ta'u isaati.
Humni isanii irraa calaan karaa (daandii) gara Diggootti nama geessun hiriiree waan ta'eef, Ulaan Rujjan falmii ta'uuf adeemu (jiru) kanaaf of-qopheesiteerti.

Lollii gama (roga) sadeninuu ganama keessa sa'a 8:00 AM banamee. Lola sa'aa jaha (6) booda ammas loltonni Dargii ummataa qabatanii dhufan waliin lola isaa marsaa calqabaa Ulaa Rujjan itti godhame kanaan rukutamanii duubatti debi’an.

Humna isanii walitti jabeessanii gama sadiin dhufuu dhisanii (jijjiranii), karuma tokkon karaa Ulaa Rujjan cabsanii darbuuf guyyaa lammataa dhufaan. Lollii kun lola ulfaataa ture. Ammas Dargiin waaroo salphinaa uffatee, reenfa isaa funaannatee gara dhufeetti deb'e. Lolli guyyaa lameenuu injifannoon xumuuramera.

Ofuu, Diggo, Dirree, Labuu, Konichaa, Qamaxee, Diggoo-Daadaa, Diggoo-Maccaa, Rujaan, Wiree fi nannowaan biroo ammaaf maqaa isanii yadachuu hindandeenyee, dirree bilisomte eerga tahatee bubbulte jirti.

Torban tokkoo booda, Obbo Mulataa Fayyiso fi Obbo Wagii Sattoo Diggoo irraa gara nannoo Qoftuu ( magalaa Jalduu irraa kilo-metra 10 irraatti kan argamitu fin nanno Qe’ee Obbo Mulataa Fayyiso ture), hidhannoo adda- addaa guttachuuf baddaa Qoftuu qubatan. ‘Geography’ nannichaa xiqqoo ibsuf: Diggon magalaa Jalduu irraa gara dhihaatti fageenyaan gara kilomeetra 40 (40km) yommu argamtu, Qoftun immo magalaa jalduu irraa kilometra 10 fagaattee kara boroo- bahaa ( North –East) irratti argamti.

Waraanni Dargii fi Ummatonni armaan duura gara Diggotti nutti duulan deba'ani gara mana isanitti osoo hingalin magala Jalduu keessa waan turanif, achii (qoftu) jirachuu keenya dhaga'udhan wal-gurani gara Qooftuutti dhufuu isanii Tulluu irraa jirru guubbaa teenyee Teleskophadhan agarre.

Osoo isaan lagaa Qooftuu hince'in laga kana irraatti dhukasni baname. Yeroon isaa ganna waan ta'eef lagdi kun gutee, galaanni isaa danbali’aa ture. Walitti ce'uuf homtuu hinyaadu ture. Kan mo'ees, kan mohatamees hin turre guyyaa sana. Hunda-iyyuu galgalli (dukkanni) addan baase.

Harka kennisisuu isa Marsaa lammataa

Hangga ammaatti lolli xixiqqaa fi gurguddaan magala fi baadiyyaa Oromiyaa keesaatti ta'a tureera. Hogantonni Dargii gama lola kanatin bu'an isaan argamsisan tokko- illee akka hinjirre hubataniiru.

Bu'aa kan argamisisee, toftaa karaa nagaantiin harkaa keennachisuu waan ta'eef gootonni lola kana irratti qooda guddaa qaban, namoota isaan waliin jiran waliin harka keenisisudhaan, ammas kanneen hafan akka harka isanii keennatan irraatti akka ciminaan hojjatan Jarsolii armaan duraa fi Jarsolii biroo dabalatani, lola dhabanii akka deba'ani nagaan galan gochuun, sagantaa qopheefatan dirirsaniiru.

Oromoota Dargii raasaa jiran kana, firoota fi Maatii isanii amansisuun yoo irratti hojjatan, bu'a fiduu akka danda'u hubachudhan, gad- fageenyan, namoota ummataa biratti dhageetti qabu jedhamaan hunda ramadaniru.
Gama Jarsolii biyyatiin toftaan Dargiin qopheesse milka'ee, namonni heeddun harka isanii keenataniiru.
Namoota marsaa isaa lammataa kana keessatti harka isanii keenatani gara Qe'ee isanitti de'ban keessa : Obbo Dirribaa Korjoo, Obbo Dirribsaa Damee, Obbo Raggasaa Bayyan, Obbo Tolasaa Raggasaa, Obbo Raggasa Gamaa, fi kan biroo yoo tahan, ilmi Obbo Mulataa Fayyisoo, Alamuu Mulataa fi Soddaan isanii Obbo Urgessaa Abbabaa, harka hinkenninu jedhani biyyaa badani (bahani), eessa-butanin isanii wallaallamera (dhabameera).

Harka keennachisuu isa marsaa lammtaa kanaan, Dargiin heedduu itti mlika'eera. Obbo Mulataa Fayyisoo, Wagii Sattoo, Raggasaa Fayyisaa, Tilinitii Fayyisaa (Obboleessa Raggasaa), Atomsaa Urgee, Guddisaa Itichaa, Baqqalaa Urgee, Faanaa Ayyanoo, Dirribsaa Wagii, Jaalataa Ababaa, Kaasaa Tafarii Urgessaa Amantee fi Mokonnon harka osoo hinkennin didaniru.

Dargiin namoota qubaan lakkawamaan nagaan harka kennachu didan (hafan) kana barbadeessuu akka qabu amanudhan humna qabu irraatti ummata Qotee bulaa Jalduu maraa kanneen Qawwee qaban hunda kumoota heeddun kan lakkawamaan garaa Diggootti gadii duulichisera. Telsekophidhan heeddumina isanii yoo ilaalamu bay’ee nama sodachisaa ture.

Ajjeefamuu Obbo Katamaa Bultum

Obbo Katamaa Bultum, nama Rorroo halagaaf sarmu hinturree. Obbo Katamaa Bultum, Goota hafee (mudoo) hinqabnee fi jirataa Digooti ture. Katamaa Bultum eenyuu-illee nama sodaatu miti!, Hawasni Diggoo isa jalatu, innis isaan jalata. Motummaa H/Sillase fiis ta'ee Dargiif mataa gad-cabsatee bulee hinbeekuu ture. Ummanni Diggoo, Obbo Katamaa Bultum akka hogganaa isanitti fudhataniru ture. Obbo Katamaa Bultum lola amma ammaatti magalaa fi baadiyyaa keessaatti godhamaa ture irraatti gotummaan goota lola ture dha.

Dargii fi Waraanni isaa dhufani, bakka nannoo Diggoo Maccaa jeedhamu qubataniru. Obbo Katamaa Bultum osoo lola kana irra nuwaliin jiiru dhoksadhaan Jarsoliin akka isa quunnamani harkaa keenachisuf amansisuu yaalan, innis akka harka kennachuf murteesse namuu hinbeeku (quba hinqabuu) ture.

Garuu, lola Dargii waliin godhamu irraatti qophawamaa osoo jiramuu, Katamaa Bultum jechi isaa, namoota hunda rifasise: Jarsolii hirriyyoota isaa maqaa dhawudhaan, Coqorsa fi Marga isaan guduunfanii itti ergaan, Kiisii isaa keessaa gadi guuree, “kun kan Diroo Birqiti” , “kun ammoo kan Bajiroo Yaddeesati”.....jechudhaan maqaa Jarsolii nannoo Coobii jiratan margaa isaanii waliin tarreese.

Akuman asin olitti ibsuuf yaale, gootni Oromoo Katamaa Bultum, nama eenyuu jalatti iyyuu buulee hinbeekine, haala kanaan akka inni harkaa kennatu fi kiyyoo Dargiin qopheseef keessa akka lixuu amansisaniiru. Murtiin isaa harka keenachuu waan ta'eef, akka dhaquu qabu hime. Obbo Mulataa Fayyisoo dabalatee namonni jiran hundi-iyyuu Obbo Katamaa Bultum dhaqee harka kennachun akka irraa hinjirre itti himan, gorsan.

Obbo Katamaa Bultum akkana jechun yaada isaa ibstate: “Jarsoliin Marga fi Coqorsa guuranii, kakatanii waan natti dhaamaniif, sammuu koo amansise wanaan jiruuf ….” , harka keennuu akka qabu ammas dabalee mirkaneesse. Obbo Mulataa Fayyisoo "Katamaa, hima didda malee, du'a hindidduu!, egaa nagaatti kana irraa (ammaan booda) wal-hinagarru” jedheen. Obbo Katamaan ilmaa isaa Dargaggoo Dhugumaa Katamaa waliin hidhannoo isanii gutuu waliin harka keenachuuf bakka nuti jirru irraa gara warra Dargiitti qajeelan (adeeman).

Bakka Waraanni Dargiin duulchise qabatee fi bakka nuti jirru, fageenya kilomeetra lamaa (2) tu’u tu nugidduu jiraa ture. Gamaa fi gamana teenyeetti wal-ilaalla. Katamaa Bultum kiyyoo gama Jarsolitiin Dargiin qopheeseefitti sororee itti lixe.

Katamaa akkuma achii ga'een ilmaa isaa waliin Qawwee irraa hiikanii, harka dubatti hidhanii, battalumatti ajjeesan. Alagaan kakattet nama ganti jechun kanuma!. Jarsoliin hoogantota Dargitiin gowwofamanii obbo Katamaa harka kennachsanis homaa gochuufi hindandeenye.

Gochan kun hundii yeroo raawwatamu, fageenya kilometra lama irraa Telesckopidhaan ni arginaa ture. Goonni Oromoo Katamaa Bultum bifa akkanatiin ilmaa isaa darggaggoo waggaa 25 Dhugumaa Katamaa, waliin ajjeesanii booll’a tokkotti galchanii biyyee irra gargalchan.
Gorsa gaafa sana Katamaan gorfamee fi de'bii inni deebise akka haphee ta'e sammuu kiyya keessatti maxanfamee jira.

Dargiin ajjeechaa Katamaa Bultumiin booda, humna isaa jabeessee, bakka nannoo Xaranxar jeedhamutti lola banuuf dhufe. Akkumaa barame ammas rukutamee gara dhufeetti deebi'uu dirqame. Lola kana irraatti waraanni Dargii funduraatti osoo hinbane, Oromoota marsaa funduura irraatti hirirsudhaan ofi duuba ta'ani namoota heedduu ficcisisaniiru. Oromonni, namonni akka Obbo Fufaa Bashudee faa lola kan irraatti du'aniiru.

Dargiin loola amma ammaatti godhe kana keessatti guyyaa tokko-illee osoo hinmo'iin baronni lakkwamaniiru. Kun ammoo isaniif salphina guddaa ta'eera.

Lola kanaan booda, Dargiin tofta ittin hogantoota waraana kanaa (Obbo Mulataa fi Obbo Wagii) ittin dhabamsisuu (galaafachuu) danda'u irraatti haala gadii fageenyaan kiyyoo qopheesuu eegale. Namni kam-iyyuu osoo quba hinqabaatin, bitamtoota qarshidhaan bitudhaan akka summidhan ajjeesan irraatti waligalaniiru, wixinee qophesuu irratti bobba’aniru.

Arfasaa Bara 1979: Summiin Hoggantoota warana keenyaf Qophawe

Hoggantoonni Dargii fulaaf-fulatti lolanii mo'achuu dadhabuu isaanii irraaa kan ka'een namoota akka Obbo Mulataa Fayyisoo fi Obbo Wagii Sattoo gama Summitiin dhabamsisuuf, nama Obbo Mulataa Fayyisoo biratti amanama ta'e argataniiru. Innis maqaan isaa nama Safaraa jedhamu. Safaraan jirataa Diggoo Daadaa yommu ta'u yeroo hedduu nuwaliin dabarsaa ture. Dargiin gara Diggootti yeroo duulu nuwaliin Dargii lolaa ture. Bara sana namonni lola Dargii waliin godhamu kan irratti hirmatan hundi isanii-iyyuu, "Sibilli fi Dhirrii Qulqqulluu wayya"jeecha jedhutti amanu ture.

Lola kana irratti guyyaa tokko rasasa Dargitiin kufuu dandeenya jedhamee waan amanamuuf, torbanitti ykn torban lamaatti Qoricha Heexoo(Kosoo) dhuguun akka dirqamatti fudhatameera. Namni Foon Jiidhaa nyatee warana dhaqee, rasasan yommu rukutame, foon mummuran inni liqimsee sun, karaa afaniin waan gadii debu'uuf, namnii Heexxoon (Tapeworm) garaa keessa jiirtu ammoo, yoo rasasiin garaa rukutte, kara rasasiin rukute sanaan Rammoon garaa keessa jiirtu, achiin waan ol' batuuf, kana of- irraa eeguuf, nannoo sanatti namni hundi-iyyuu kan itti gargaramnu, firii Haanquu fi Waggarti dha ture. Heexoo ykn Rammoo garaa namaa keessa jirtu kana, battalummatti kan balleessu, Benzila(Benzene or C6H6) dha. Benzila akka salphatti yeroo sana argachuun hindanda'mu ture. Darbee-darbee garuu magalaa Jalduutti nama ergachudhaan inuma argamaa ture.

Hoggantonni Dargii kan Jalduu fi magalaa Amboo jiran oddefannoo kana waan qabaniif Benzila Summii waliin makaa battalumaatti gubee nama ajjeesuu danda'u qophessaniiru. Nama dirqama kana fudhatee, hojii irraa olchuu danda'uus gantuu Safaraa argataniiru.
Safaraan mana jireenyaa mataa isaa qabatuu iyyuu, yeroo hedduu nuwaliin dabarsaa ture. Obbo Mulataa Fayyisoo tiin fira ykn gosa aanteeti waliin jedhu ture. Yeroo hedduu Benzila Obbo Mulataa dha bichisisera. Safaraan namoota nuwaliin jiran biratti amanama dha ture. Osoo nuwaliin jiiru, karaa kamin akka inni Jalduu dhaqee, Qarshidhaan bitamee, Summidhaan hoggantoota waraana Obbo Mulataa Fayyisoo fi Obbo Wagii Sattoo ajjeesee badhafamuuf akka qophawee, namni beeku tokko-illee hinjiiru ture.

Galgaala gaafa tokkoo, bakka hundi keenya jirrutti, bitamtichii kun Safaraan, bakka jireenya keenyaa dhufuun ergaa nuwaliin asawaa oleen booda Obbo Mulataa Fayyisoo fi Obbo Wagii Sattotiin "Benzila nama lamaaf ta'u nan qaba koottaa dhugaa jedheen." Wagii Satto fi Mulataa Fayyisoo summii Dargiin Benzila waliin makee qopheeseef dhuganii, gubatanii du'uuf, “ barii ganama dhufnee dhugnaa, manatti nu'eegi!” jeechun ganiticha Safaraa waliin beellama qabataniiru.

Mulataa Fayyisoo fi Wagii Sattoo Summii kanaan du'ani moo hafaniiru?

Kutaa 7ffaan itti fufa.

2 comments:

Anonymous said...

На этом хорошем блоге вы сможете узнать, что такое плагин Sape, настройка Wordpess%сайт сателлит. Кроме этого вы найдете для себя еще кое-какие неизвестные секреты успеха. Окунитесь в экзотический мир, где электронные деньги становятся реальностью! Мы всегда ради вас приветствовать!

Anonymous said...

I read all the 6th parts with a great joy.I have been waiting for the said "kutaa 7ffaa".What's happened to it?please hurry up with it.I think it's well written all the parts presented here.many thanks to the writer.

Visitors

 

View blog authority