Monday, March 01, 2010

Seenaa Gabaabaa Gootota Jalduu - Kutaa 5ffaa

Tolchaa Wagii Irraa

Wa'een Lola Qotee bulaa Jalduu dhukkba bowwoo itti ta'udhan, hogantoota Dargii irriba isaan dhorkeera. Mangistuu H/Mariam dhimma lola kanaa ilalichisee yeroo dubbatu "Tinshuwa Ertiraa" maqaa jeedhu itti moggseera. Ertiraan Xiqqoon nutti kaate jeechuu isaati. Yommu sana Ertraan bilisumma ishif kontooffattee Dargii lolaa turte. Hanga ammaatti (yoonatti) waranni duulee Jalduu dhaqe, waaroo salphinaa uffatee, qaana'ee, kottee koo nabaasi jeedhee, of- irraa garagalu malee, injifannoon inni galmeesse hinjiiruu ture. Bara sana, kessaa fi alaan cinqamee, funyoon (wadaroon) morma isaatti dhiyatee kan ture Motummaan abba Irree Dargii, funyaan isaa jala ykn fageenyaan kilometra 125 irraatti, lola Qotee bulaa Jalduu to'annoo jala olichuu dadhabera.

Oromoo mirga isaa fi eenyummaa isaa kabajachifachuuf gara kutannodhaan hidhannoo isaa jabeeffate tokkummadhaan ka'e, dhaabuu akka hindandeenye halaan hubateera Dargiin.
"Harka Cabsuu dadhabde dhungadhu!" jecha jedhutti gargaaramudhan gama lolli kun dhabachuu danda' u irraatti hojachuun hiikoo (furmaata) rakkoo (dhibdee) kanaa akka ta'ee hubataniru (Warri Dargii).

Bulchaan Kutaa Shawaa yeroo sanaa kan ture Dr. Mokonnon Jotee fi hoggantonni
Dargii kan biroo, Ibiddi Jalduu kessaatti qabsifame dhamee, akka nagaan bu'u tasisuun, akka ummanni Jalduu ka'ee waranuu kan godhe ykn kan balleesse, Dabballoota Mootummaan Jalduutti ramadee waan ta'eef, kan Qawwee fudhatee lolaa ture hundi nagaan akka Qe'ee isaatti deb'ee, nagadhan jiraatu kan jedhuu, olola siyaasa gama danda'amee hunda'an facaase.
"Qawwee keessanis naminni isiin gaafatu hinjiiru!" jechuun kadhaa calqabe. Jirattonni magalaa Jalduu manni isaani cufame, mannettiwaan isanii banamee akka jireenya isaanni nagaan geggessan olola faca’e irratti hunda’un namonni magaalaa keessa jiraatan gara mana isanitti deebi’an (galan).

Habashonnii manneen daldalaa magalaa Jalduu keessaa qaban baqatanii gara Finfinneetti (Shaggarii) dhufanii waan tureef, isaanis deebi’ani mana daldala isanii cufamee kan ture banan. Hogantonni Dargii Kan Dr.Mokonnoon Joteetiin durfaman, Jarsoliwwaan (maanguddo) Anaa sana keessaatti argamaan walitti wamudhaan akka ummanni lola kana irraatti hirmate hundi, balleessan lola kana qabsisee kadairoota Mootummaa wan ta'eef, nagaan akka harkaa isanii kennatani jireenya isaani gegeesan hubachisee. Mokonnon Jotee Oromoo waan ta'eef, afaan Oromotins dubachudhaan akka jaarsolii kana amansisee keessa beektonni ni dubbatu. Olola Mokkonnon Jotee gama Jarsolittin facaase kana irraatti hunda'udhaan namonni heedduun harkaa isanii kennatan.

Mokonoon Jotee, kanneen harkaa isanii kennatan, afuura garii, tajajilaa fi gorsa gaaridhaan Qawwee isanii waliin akka maatii isanitti debi’an godhe. Qotee bulaan Jalduu guyyaa gaafa Jimataa, Sanbataa, Wixataa lola irraatti hirmaataan hundi harka isanii kennatan.
Kanneen harkaa kennatan kun ammoo debi’anii kanneen hafaan akka harkaa kennachisan irraatti akka hojjatan godhame.

Keessattuu Obbo Mogoora Tujjoo gama Obboleessa isaani, kan Ayyantuu ta'an , Obbo Nuurasaa Tujjoo Gurmessaa tin, akka harka kennatan irraatti hojjatan. Obbo Nuurasaa Tujjoo Gurmesaa warra Qaalluu ti turan. Biyyi isanii, biyya Giiftii Elemoo jedhamee bekkama. Ayyanni Obbo Nurasaa irratti bu’uu ammo Cabsa jedhamee beekkama. Obbo Mogoraa Tujjoo dhirummaa fi Jagnummaa isaatiin hafee (mudoo) akka hinqabne hundi iyyuu kan irratti waliigalu dha.
Akkumaa yaadamee (akeekkame) hojii guubbaa olchudhaan, Obbo Mogoraa Tujjoo obboleyyaan isaani: Obbo Gobasaa Tujjoo, Obbo Boranaa Tujjoo, Obbo Haruu Tujjoo fi namoota isaan waliin jiran waliin harka isaani akka kennatan godhame. Gama Dargitiin, yommu isaan harkka kennatan, simannaa fi kabajaan adda isaniif godhame. Harka keennun Obbo Mogoraa Tujjoo, Amilee (moorala) kanneen hafanii osoo hintuqin hinhafne.Namonni lola darban irraatti hirmaatan hundi isanii nagaan harka kennachudhaan Qawwee isaani waliin garaa mana isanitti deba'an. Jarrewwan harka keennan kun, debi’anii kanneen hafan akka harkaa kennachisan, ololli siyasaa bay’inaan afarfame.

Akka kanaan, Obbo Tolasaa Hata'u , Ilma isaa fi namoota isa waliin jiru waliin harka isaa akka kennatuu karaa Jarsolitiin irraatti hojjatame. Obbo Tolasaa Hata'u, Ilma isaa qabatee, namota wajjin jiru wajjin, gara qe'ee isatti deb'ee. Obbo Tolasaa Haata’u nama seenaa bareedaa qabuu ture. Inni (Obbo Tolasaa Haata’u) lola Gotonni Oromoo hammayyaa (new generation of Oromo heros) Wayyanee (TPLF-EPRDF) waliin Jaldu bakka Kilbee jedhamu irrati, baatii Adoolessaa 1992 godhameen irratti oto-loluu gotumman goota wareegame dha. Lola Kilbe irratti Adoolessa 1992 godhame kana gara fuuladura bal’inan ibsuuf nan-yaala. Ammaf garuu, lola kana gaazeexaan “USA Today” jedhamu gabaasee turun isaa tuquun gaha natti fakkata.

Dr. Mokonnon Jotee, lola qotee buulan Jaalduun Dargii irratti geggefame: isa akka wanta “Jeneral” tokkon hoggaanuutti qinda’ee fi isa akka loltuun hammayyaa (professional army) walihogganamudhaan, yeroo gabaabaa keessaatti injifannoo irratti injifannoo galmesisudhaan funduura irraatti deemaa jiiru kana, akka dhaabbatee nagaan bu'uu irraatti sagantaan inni baafate hojii irraa oleera.

Gama biroon ammoo akkumaa Jalduuti ta’e, lollii hamaan (cimaan) Gindabarat itti ni kaa jedhani
tilmamudhaan, waraanni Dargii heedduminaan dhaquu iyyuu, osoo homtu isaan hinqunamiin Magaalaa Kaachisi to'achuu danda'niiru. Asaffaa Maracoo Galataa, guyyoota murtaa'eef magalaa keessa kan jiran (kittilayyota Dargii) rukutee keessaa basuu-illee, yeroo Dargiin waarana ramadee erguu magalaa keessaaatti loluu hawwii hinhoraane ture. Akkuma mootummoni halagaa adda addaa ( kan akka Faashistii Xaaliyaanii) faa ilaan Oromoo maqaa adda adda itti kennun wal-waraansiaa turan, Dargiin-illee dabaaree isatiin summii adda- addaa ilaan Oromoo giddutti facaasudhaan akka isaan wal-shakkan, walitti gaarreffatan, darbes ammo, wal-rukutani, harka wayyaa jalaatin (lafa-jalatiin) irratti hojachaa turera. Gindabarat itti hanga tokko milka’eera. Gufuu halagaan isaan gidduu dhaabe, Oromoota tokko-tokko gufachise, akka isan walitti bu’an godhera. Rakkon Gindabarat keessa ture kana dha. Obbolewwaan lamaan , Maaccaa fi Tulamaa jechuun wal-hiruun, wal-irratti ka’aa, duulaa turaniru. Kun ammoo dogoggora gudadha ture. Sababii kanaf, Qotee bulaan Gindabaraatti irraa caalaa wal-waraanuu malee tokkummaan ka'ee, Dargii loluu hindandeenye. Gamni(gareen) tokko, Dargii waliin yoo dhabbatu, gamni (gareen) hafee immoo Obbo Asaffaa Maracoo waliin dhabateera.Walitti bu’insi Oromoo giddutti uumame immo Dargiif carraa guddaa ture. Rakkinni (walitti bu’iinsi) kun akka uumamuf irratti hojjachun isani hin-ollee. Waan hundafuu gochaan kalleessa obbolewwan lamaan gidduutti godhamee dogoggora cimaa (hamaa) akka ta'ee namni dhimmaa kana keessa beeku ni hubata.

Dr.Mokonnon Jotee, akeekni inni wixinee qopheese, gutummaatti bakka gahu baatu iyyuu, gama jaarsolitiin hojii guubbaa oleerafi.

Namonni akka Obbo Mulataa Fayyisoo, Obbo Wagii Sattoo, Obbo Raggasaa Fayyisaa namuu akka harkaa keenatan hingafane. Jarsoliin Mokonnon Joteetiin ergamaan osoo dhqanii gafatanis akka salphinaan debi’an nibeeku. Firaa Obbo Mulataa Fayyisoo keessaa, kan lola gaafa isaa calqabaa fi isaa magalaa Jalduu rukutuu irraatti hirmaate kan ture, Obbo Guddisaa Gamaa Utaala harka kennateera. Obbo Guddisaa Itichaa Layyoo akka harka kennatu gafatamee dideera. Obbolewwaan lamaan Obbo Baqqalaa fi Obbo Atomsaa Urgee, haatii isanii obbolettii Obbo Mulataa Fayyisoo waan ta'hateef, Obbo Mulataa Fayisoo Eessumaa isanii irraa (biraa), du'a malee homtuu addaan isaan hinbaasu.
Gootonni Jalduu, akka Kannisa Gaagurri jalaa tuqamte, wal-qabatee, cininnatee Dargii Albaasaa turte, amma olola Dargiin irratti adeemsisa jirun, tokkumaa fi qindominni isanii laafaa, humni isaa xiqaachaa dhufera. Kanaan (Asiin) booda, haalli duraan yadamee ka’ame, ka'uumsi (kaayyon) isaa bakka ga'u hanqachuu isaa irraa kan maddee, Qabsoon hidhannoo akkumaa armaan duraa magalaa keessa garaa baadiyyaatti gad ba'e, amma ammoo baadiyyaa irraa garaa Gammojjitti gad bu’uu dirqmee jira. Akkuma kanaan halaa Gammojjii mijeffachuuf saganteeffame. Dargiin namoota harkaa keenachuu didan mannii fi qabeenyii isaaan akka barbada'u godhudhaan, mannetwaan Obbo Wagii Satto, Obbo Baqqalaa Urgee, Obbo Raggasaa Fayyisaa qabeenya mana keessa jiruu waliin ibidda itti naqan. Raggasaa Fayyisaa qabeenyi innii Abbaa isaa irraa dhaale takka-illee hinjiiru ture. Bu'aa- ba'ii meeqa keessa darbee nama qabeenya hore ture. Magalaa Cobii keessaatti Suqii daldalaa yommuu jalaa saaman, garii ammoo ibidda itti naqaniru.

Gootota Jalduu kessaa, gareen harka Dargiiti kennachu dide, Dargii waliin hanga dhumaatti falmuuf nannoo Ofuu fi Diggoo jedhamun beekamu qubachudhaan achuma qubannee akka lollu kan jedhuu murtiin darbe.. Nanoon kun yoo Xiqatee guddinni isaa lafaa Anaa tokko ti gadii miti. Gotonni Jalduu gara Gamojjii Ofuu fi Diggotti gadii bu'udhaan ummataa ijarudhaan, Dirree walabomtee godhanii irraa qubatame. Waraannii Dargii yoo dhufe, ummata Diggoo of-dubatti hambifne akka lollu kan jedhuu irraatti walii galaamee. Waggii Sattoo, Mulataa Fayyisoo, Guddisaa Itichaa Layyoo, Baqqalaa Urge, Atomsaa Urgee fi namoota biroo waliin karaa (daandii) guddaa Diggootti nama geessuu qabatani akka qubatan taasifame. Bakki lollii itti lolamuu qabuu filamee, Ulaa Rujjaan akka ta'u murtaa'e. Ulaa Rujjan irraatti dha'annoon gariin tolfameera.

Karaa Dirree jedhamuun ammoo Raggasaa Fayyisaa namoota waliin jiiru waliin dhunfateera. Lolli bakki itti ta'u qabuu nannoo Qamaxxee jedhamee bekkamuu akka ta'u hundii iyyuu irraatti waliigaleera.

Gama Ofuu tiin ammo Obbo Jaalataa Abbabaa akka eegu godhameera. Obbo Jalataa Abbabaa Qadiidaa loltota Oromoo waliin ta’e qabateera. Kanaan (asiin) booda, ummataa nannoo sanaa ijaruu irraatti bobba'me (hojjatame).

Umannii nannoo Digoo, Blisomsudhaan sirna nama nyataa Dargii nannoo Diggoo akka ga'u
hindandeeenye irraatti maryatamee laabsameera. Nanoon Diggoo fi Ofuu osoo Dargidhaan wal- hinbeekiin waggoota lamaa oliif walabomtee jirateeritti.

Guyyaa gaafa tokko Diggoo bakka qubannee jirru irraa garaa Ofuu dhaquuf(deemuf) osoo deemnuu namni “Luluu” jedhamu, akkumaa Obbo Raggasaa Fayyisaa duura deemaa jirutti itti dhufe. Obbo Raggasa fi Luluun duranuu wal-beeku. Yeroo heedduu Obbo Raggasaa waan tokko yoo garaa isaa ga’e ykn hanqate, Ayyanaa Inni ittin amanu, Jaben, galateeffata. Akkuma Luluu argeen “yaa Jaaben innuma jirtaa?, bakkumaan jirutti naa fiddee?”, jedhee. Luludhaan, “namni akka kee kun ummataa keenya keessaa qulqula'au qabidii”, jechudhan tarkanfi adabaa isaa dhumaa irraatti fudhate. Luluun Gojjamee Xaanqoyii (witchcraft) fi jiraataa magalaa Jalduu ture. Namni isa hinbekine hin turre.! Waan adda- addaa nan godhaa jedhee ......namoota irraa horii namaa nyataa ture. Obbo Raggasaa Fayyisaa yeroo inni Dargiin loluuf qopha'u sana namichaa Lulu jedhmu kanaan wal-arganii bayyee waliin dubatani ture. Luluun Raggasadhaan "Qorichaa” Xonqoola waan mara jalaa kan sibasuu( ittisu), siifan hojjadha, rasaasni yommu sitti dhuka'ees akka sihinrukunnee/ sinajjefnee godha jeechuun, qarshii kumotaan lakkawwaman fudhateera. Kanaan booda rasaasni isa rukutu akka hindaandeenye Obbo Raggasaan ergaa hubachuseen booda, Obbo Raggasaan namicha Lulu jedhamu kana shakuu isaa irraa kan ka'een egaa anaaf nagoteerita, Fardaan yabadhee adeemutis na godhii, akka najalatti hinrukkunnee jeedheen. Fardafis ammumaa sana Obbo Raggasaan Luluuf kaffalee (baasee). Xonqayii Gojjamee kan tahate Luluun, armaan booda atis ta’e Fardi ke rasasii Matriyesii-illee rukkutuu akka hindaandeenyee Obbo Raggasaa ergaa hubachiseen booda horii isaa amaarratee gara mana isaatti deb’ee. Raggasaa Fayyisaa goyyoota murtaween booda mee nan mirkaneefadha jedhee, Fardaa isaa Sangaa (Stalone) ittiin loluuf itti Xonoqolchifate kana goodatti (dirretti) gadii basee rasaasa gadii yoo itti dhiisuu, sangaan Fardaa Luluun itti xonqole jedhee horii nyaate, gooda (dirree) irraa diriree. Fardi Obbo Raggasaa galaafatame. Luluun horii Raggasaa gowwomsitee akka fudhate Raggasaan hubatee (mirkanessifatee), gaabbin qubaa isaa nyaate. Iccitti kana dhokfatee osoo jiruu, Luluun karaa gubbaa irraatti argatee, "Jabeen bakkan jirutti na fidee!” kan inni jedhee kana irraatti.

Kun osoom kanaan jiiru, Qeesiin Mamiree Mammoo Abiree jedhamu tokko, “Taaboota
Aabboo” jedhamu mana sagadaa (Bataskaana ykn ‘Church’) isaa keessaa basee, uffata baaqqee tokkon mare, bakka nuti jirruu Dirree ti fide. Abboonis Dargidhaan loluuf bosoonatti gale jechu dha. Yeroo sana sammuu kiyyaa keessa kan jiru, akkumaa har’ra Qesonni jibbaa Oromoo fi afaan Oromoom irraa qaban,“Taabonni deemuu diide” , yoo jeedhaan sababni isaa Qubee jibbee jedhan kana, yeroo sanas namni tokko, Taaboota huccuun marmaree, bobaa jala godhate, gammojji nuti jirrutti fida kan jedhuu bekumsa (amantii) hinqaabu ture. Mammiree Mammoo Abireetin carqii (uffata) sana Taaboticha irraa fudhee akka nu agarsiisu goone. Ajaaiba! Ture. Waan hundafu Mammoo Abbiree Taaboota Aabboo jedhamuu kana holqaa dhagaa tokko keessa akka godhuu taasifame. Mammoo Abbiree waggota lamaa oliif erga nuwaliin tureen booda, dhuma irratti harka Dargitti kufee, gara waggota jahaa (6) mana hidhaa turuun, ergaa hikkameen booda, magalaa Ambootti galee amma-illee achuma jiraata.

Dargiin itti deb'ee lola osoo hinbaniin baatii jaha (6) ta’era. Namoota armaan duura nuwaliin Dargiin loola turan barnoota siyasaa keennuun, debisanii ijaruun, waliin ta'anii, gara Diggootti Duuluuf ka'niiru (qophaniru). Gara (gama) keenyaan ammoo akka waraannii Dargii ummataa qabatee duulaaf gara keenyaatti dhufaa jiiru dhageenyeera. Gama Daandii Diggootti namaa geessuu, ummata Diggoo of-duubatti hambisudhan Ulaan Rujjaan jedhamu dhunfanatameera (qabanne jirra). Dargiin, kan ofi isaa nucabsu yaalee dhadhabe, Oromoo-Oromoon cabsuf, wal-irratti nuduulchisunf qindaa’ee dulutti jira.

Kutaa 6ffaan itti fuufa.

No comments:

Visitors

 

View blog authority