Saturday, February 20, 2010

Seenaa Gababaa gootota Jalduu - Kutaa 4ffaa

Tolchaa Wagii Irraa

Akkumaan kutaa 3ffaa keessaatti ibsuu yaale, gotoonni Oromoo Jalduu guyyaa gaafa Jimaataa, lola cimadhan adeemsifamen waraana Dargii akka malee rukutudhan qaaneessanii ofi irra ittisanudan dubatti akka inni deebi’u taasisaniru. Waraana kana irrattis Meeshalewaan waraanaa gurguddaan adda addaas boji'ameera. Injifannoo irraatti injifannoo galmeesuun funduuraatti demaa kan jiiru, lolli Qotee bulaa Oromoo Jalduu, onnachdhaan sagantaa itti aanu magalaa Ginicii fi Amboo rukutuuf sagantaa bafateera.

Gama hundaan lolli kun akka itti fuufu danda'u, Kabbadaa Buzunash akka ummata Metaa Robii qabatee ka'u itti ergameera. Salalee irraa Muluu Wasanutti ergameera. Asaffaa Maracoo magalaa anaa Gindabarat kan "Kachisii" to'annoo isaa jala erga olichee bubuleera. Finfinne ykn Ambo irraa karaan gara Gindabarat nama geesu, karaa Jalduu malee waan hinjirreef, Jalduu keessa ammoo darbuu waan hinkajelamne waan ta'eef, waraanni Gindabaratdeeme hinturre.

Qophiin gara funduuratti deemuu ergaa murtae'ee xumurameen booda, namonni hundii iyyuu lola irra waan oolaniif, fuula namoota hunda irraa iyyuu mallatton dadhabbii hindubifama ture. Magalaa Jalduu Bargamoo (Eucalyptus tree) waan bayyatuuf, magalitti of dubatti hanbisudhaan godaa mana baruumsaa keessa fi bakkoota adda addaa qabachudhaan nami maritnuu cinaacha lafaan ga'e.

Sanbata Duraa, Amajjii 22

Dukkanni ifaaf bakka gadii dhisuu geeseeritti. Sinbirrii wacuu eegalaan, bakka jiran hundaa ka'udhaan garaa Gincii deemuuf hundi iyyuu sona'e ka'ee jiira. Dargiin qaanii fi salphina armaan duura irraa ga'eetti aarudhaan, warana kumoota hedduu lakkwaaman kan birgeedii tokko ol ta'an gadi ergeera. Qophii kanaan osoo jirruu fageenya irraa konkolatwaan loltoota Dagii fe'ee otoo wal-irraa hincinne gara keenyaatti gadii dhufuu adeemu mirkaneeffane.

Qotee bulaan Jalduu waraana dhufaa jiiru kana, shakki tokko malee fulaa fi fulatti lolee akka barbadeessu hogantota waraana kanaatiin qajelfamni kennameera. Akkumaa arman duraa, magalaa Jaldu of dubatti hanbisudhaan, karaa afuriin bakkii qabatamee egame. Kana jechun, waraanni Dargii, otoo magalaa Jaldu hinseenin, waraanan simachuf qophin godhame.

Amma ganama keessa sa'a 6:00 AM ta’era. Bakka qabannee jirachuu keenya nu arganiiru.

Waraanni Dargii nutti dhiyaate dhukaasa osoo hincalqabin dura arraba calqaban. "Ante galla iji'in sixi, ijji'iin sixi ......", jeecha gara keenyaatti akka allatti raqaa argee girrisani dhufan. Akkuma saliphatti nu ar'anii waan qaban itti fakkate ture. "Qotee bulaan Jalduu harka kennisisuu malee, harka keeninee hinbekinu " jeecha jeedhuu debisudhaan, lolli roga arfaninuu itti baname.

Lollii kun lola armaan dura godhame irraa bayyee ulifata tauf adeema. Waranni Dargii rasaasa fi matriyesii akka bokkaa gadii robsudhaan mannetiwaan jirenyaa nama barbadeesse. Akeekni isaani cabsani magalaa seenuuf tuure; garuu cabsuu hindandeenye.
Lola magalaa to'annoo isanii jala olichuuf godhame kana irraatti, akka firii harbuu harca'ani. Qotee bulaan jalduu tokko-tokkin isan qaarme.

Gama gootota Jaldutiin kan itti fiiguus hinturre, kan baqatuus hinturre. Rasasni dhukaatu qiyyafametee waan ta'eef laafa hinbuutuu ture. Loltonni Dargii akka malee dhumani ture. Akka durani afaaniin arabni "shintam galla"ijji hin six" kan jeedhu amma hinjiiru. Dhaabbate jira. Reenfa isaai funanuu qoofa ta’e hojin isani.

Lolli ganama sa'a 6:00 AM calqabamee otoo wal-irraa hincitin hanga guyyaa sa'a 12:00PM tti ture. Gara keenyaan namni lola kana irratti du'e, jirataa magalaa Jalduu kan ture fi hojii daldalaa irraatti kan boba'ee ture Obbo Kaasaa Guutaa Uluuqaa qofa ture. Obbo Kasaan akkuma lolli banameen mana barumsaa Jalduu funduuraatti kufe. Naminni biroo kan du'e ykn kan madawee hinturre. Lollii qabbanawe. Boqqonaa sa'a walkaan booda waranni Dargii haaraan ramadamee dhufuun waraana itti fufe. Innis akkuma dhufeen akka baalaa harca'e.

Lollii guyyaa Sanbata duraa godhamee kun Dargii heedduu kan rifachise yommu ta’u, Oromoota Jalduu ammoo kan onnachise ta'ee. Guyyaa sana waraanaa Dargittif, Hilikopitarri waan adda-addaa dhiyessa fi akka turte ni agarra ture. Hilikoptarri guyyaa gutuu nu irraa marsaa olitte. Karaan gara Jalduutti nama gessuu goodaa (badaasaa ykn diree) waan ta'eef kan faggeenya irraa duufu hunda to'annoof namatti tolaa ture. Waraanni kumotan lakkawamaan ammas dabalamuu isaani hinarginaa ture. Waraanni Dargii inni booda irra dhufe, akkuma jiruun meshalee waraanaa gurgudatti gargaramudhaan, kan dhume dhumee gara tokkon cabsee magalaa walakka ga'e. Lolli amma magalaa keessatti ta'ee.

Lolli magalaa keessatti ka'ee eegalee osoo wal irraa hincitiin, amma galgala 7:00PM itti fuufe. Waraanni Dargii duubaa dabalamaa dhuufe. Gara gootota Jaldutiin dadhabbi fi rasaasnis haphachaa dhuufe. Dukkaniis bakka qabachuuf waan deemuuf, roga arfaan jiran irraa iyyuu , walitti ergudhaan gara daandii kolu irraatti walitti dhufamu godhame.

Kasaa Gutaa malee namni tokko iyyuu akka hinduune, walhubachisudhan, osoo jirruu, Assaffaa Maracoo Magalaa gudditti Gindabarat yeroo rukutu baqatanii kan lubbun ba'ani kaadironni fi Bulchaa anaa Gindabarat ta'udhaan ummata rakkisaa kan tuure Gojjameen Mahitamee Bakuru jedhamu milishoota gara 200 qabatee dhufuun dhagayame.

Mahitamee Bakuruu dhufee koluu ga'uu isaa akkuma dhaga'ameen, qabuu ykn ajjesuuf gara Kolutti hundii iyyuu qajeele. Milishonni namichaa yakkama kana faana dhufaan ijollee ummata Gindabarat keessa ba'anidha. Akkuma dhufatii keenya dhaga'aniin cinqamudhaan, dallaa bal’aa dhagaan ijaramee, kan warra nafixanyoota Daj.Mangistuu jedhaan ijarsisaan keessatti nam’ani ta'an. Dalla knatti marsine.

Milishonni achi keessa jiran, “Obbo Wagii, Obbo Mulataa, Obbo Mogoraa ani ilma abaluuti, nuti ijollee eenyuuti ….” jechuun iyyatan (watwaatan). “Namni isiin tuqu hinjiiru!” jennen. Namicha yakamaa Mahitamee dabarsanii akka kennan gaafataman. Matamee dabarsanii nutti kennun rakkisaa isanitti ta'ee; namicha yakkamaa kana waliin Polisonni fi Daballon heedduutu jiira ture.

Gama kanan ammoo ijollee ummataa keessa ba'ani milishoota irraatti dhukasa banuun rakkisa ta’e argame, nutis isaan dhifnee deemuu filanne. Mahitamee Bakuru nu harkaa ba'ee. Namichii yakkama kun Qabsa'aa Oromoo Arga'oo Dinqaa nama qabsisee ajjesise ture.

Erga achii deminee booda gara nannoo "Malkaa" jedhamuu qubanne. Boqqonnaa erga godhaneen booda Cobii gandaa Mogoraa Tujjo tti gadii qajeelle. Bariitu, guyyaan Sanbaata gudadha. Magalaa Jalduu keessaa warana Dargii isa akka awanisaa ya'u malee naminni tokko illee hinjiiru. Naminni daldalaan magalaa sanaa kan ta'ee Obbo Dhabaa Hayyuu, ani homaa hingonee jedhee, Qawwee isaa fudhatee isaan bira harka keenachuu dhaqaa. Dhabaa Hayyuu akkuma achii ga'een Qawwee irraa fudhanii harkaa dubatti hidhanii ajjesuu dhageenye. Naminni gaddeef hinjiru. Maal gochuu dhaqee?. baga kan jeedhuu male. Kanaan (asiin) booda, lollii gootota Jalduu fi Dargii giddutti adeemaa jiru magalaa keessaa gara dirreetti/Godaatti waan baate fakkate.

Amajjii 24

Sanbata fi hojjaa duraa (Monday &Sun day), lollii hintuure. Namonni hundi iyyuu rasaasa barbachiisu fi dadhabbii irraa turan irraa dandamachutti turani. Cobii, nannoo Gubbaa Sirbaa bakka jeedhamu jiira. Fageenya irraa yoo ilaalu, aara lafa irraa gara sam'itti ol ka'u bakkota adda adaatti hinmul’ataa ture.

Waraanni Dargii mannetiwwaan ummataa guggubaa akka jiran hubanne. Namonnis dhufani gabaasasan. Mana itti dhufan hunda, ibidda itti naqaa gara keenyaatti dhufaa jiiru. Akkuma kun dhaga'amen ammas osoo isaan gara keenya hinga'iin bakka isaan jiran akka dhaqinuu kan jedhu murteesudhan, onnee gutudhaan itti qajeelame.

Adeemsa sa’a tokkon booda bakka "Ulaa Maruus"jedhamutti walitti dhufne. Lola kana irraatti ammas waraanni Dargii akka malee rukutamee. Dhignni akka bishanii dhangala'ee. Gootota Jalduu keessaa kan du'ee Obbo Awulachoo Balchaa qofa ture. Lolli kun mana isaa ( Obbo Awulachoo Baalchaa) biratti waan calqabameef akkuma tasaa rasasni waraana Dargii irraa buute. Lolli Ulaa Marusitti calqabamee, loltota Dargii ari'udhan amma (hanga) Abaro itti geesse. Bakka lolli itti ka'ee fi bakka lolli itti dhabatee gara kilometra 10 caala. Abaro maqaa lafati. Qotee bulaan Jalduu waraana Dargii Ulaa Maruus irraa hanga Abarotti ergaa ari’een booda biraa hafee.

Kanaan booda waraanni Dargii salphinaan reenfa isaa kan danda'ee funannatee kan dadhabe gatee gara dhufeetti deb'u dirqame. Gootota Jalduu kan mirgaa isani fi biyya isanii gubbatti lolan, humnaan rukutanii balleesuu waan hindandenyee ta'ee waan isanitti mulateef, Dargiin Lollo kun karaa nagatiin akka dhuumu kara bulchitoota kutichaa namoota itti ramadudhaan akka halli kun qabana'u siyaasa olola, siyasaa adeemsiise.

Haala kana irraati ramdamudhan yeroo sana kan dhufe bulichaa kutaa shawaa yeroo sanaa Dr.Mokonnon Jotee ture. Mokonnon Jotee, lola kana dhamisu fi qabaneesuuf Jalduu qubate jira.

Kutaa 5ffaan itti fufa.

2 comments:

Anonymous said...

Using your large tapestry needle, thread the tail through the slip
knot and neatly stitch both ends together.
Many children grow away from their milk allergy but statistically they're more likely to develop other allergies later.

my blog post; childcareviet.com

Anonymous said...

Hey there just wanted to give you a quick heads up.
The words in your article seem to be running off the screen in
Internet explorer. I'm not sure if this is a format issue or something to do with web browser compatibility but I figured I'd post to let
you know. The design look great though! Hope you get the issue resolved soon.

Cheers

Feel free to visit my blog :: cuisinart stand mixers

Visitors

 

View blog authority